Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Yunaaytid Istees Angawaa Itiyoophiyaa waliin Bilbilaan Dubbatan


Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa, Qasaarif, Sudaan, Sadaasa 17, 2020.
Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa, Qasaarif, Sudaan, Sadaasa 17, 2020.

Ebla 7, jechuun Roobii darbee gorsaan waa’ee nageenyaa kan Amerikaa Jeek Sulevaan itti aanaa mummicha ministeera Itiyoophiyaa Dammaqaa Mokonnan waliin bilbnilaan dubbatanii jiru.

Mr. Sulevaan yaaddoo bulchiinsa prezidaant Baaydin qabu kan Tigraay keessatti rakkoon gargaarsa dhala namaa fi dhiittaa mirga namoomaa itti fufuu isaa ta’u dubbatan.

Rakkoo kana furuuf tarkaanfiin akkaan barbaachisaa fudhatamuu qabu irratti karaa gargaarsii ittiin Tigraay seenuu bal’isuu, wal waraansii akka dhaabatu, waraanni biyya alaa akka ba’u fi dhiittaan mirga namoomaa fi miidhaalee dhaqqaban ka biro irratti qorannaa walabnii haa gaggeeffamu kan jedhu irratti angawoonni lameen dubbatan.

Hogganoota naannoo waliin mariin gaggeeffamu akka itti fufuu,kunis deggersa gamtaa Afrikaan akka ta’u, falmiin lafa daangaa Al-Faashaag fi falmii hidha laga Abbayyaa irratti uumamee karaa nagaa furuu kan jedhu dabalata.

Yunaaytid Isteetes michooma biyyoota lameen gidduukan yeroo dheeraaf ture irratti hundaa’uun rakkoo kana furuuf qophii ta’uus Suleevan ibsanii jiru

XS
SM
MD
LG