Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Lixaatti Sababaa Koovid 19’n Duutii fi Dhibeen  Hammaate  


Faayilii - Magaala Amboo
Faayilii - Magaala Amboo

‘Torban darbe qofa namootni lama kooviid-19 lubbuu dhabani, meeshaa afuursaa ykn qilleensa fudhachuu fi baafachuuf gargaaru lama qabna, lamaanuu dhibamtoota Koovid19’n qabamaniiru, har’a qofa dhibamtoonni Koovid-19 16 hospitaala Gudar seenaniiru’ jedhan, Qindeessaan Giddugala Yaalii Dhibee Koovid19 Hospitaala Sadarkaa Jalqabaa Gudar.Dhibamtoota yeroo ammaa yaaliirra jiran 17 keessaa 10 kan cimaa dhukkubsatan tahuullee itti dabaluun dubbataniiru.

Dhukkubsataan Kooviid-19 yeroo ammaa hospitaalicha keessatti yaalii argataa jiran tokko, dhibamanii rakachuurra, dursanii of eeggachuu wayya’ jechuun dhaamaniiru. Gama biraan, Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaa keessattillee torban darbe qofa lubbuun namoota lamaa Sababaa Koovid-19’n darbuu fi isaan keessaa tokko ogeessa fayyaa tahuu itti gaafatamaan Kutaa Yaalii Fayyaa Hospitaalichaa Doktor Amsaaluu Taakkala dubbataniiru.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Oromiyaa Lixaatti Sababaa Koovid 19’n Duutii fi Dhibeen  Hammaate
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:12 0:00


XS
SM
MD
LG