Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seerri Hokkara Qawwee Ittisuu Ba'u Qaba:Prez Baaydin


Prezidaantii Amerikaa, Joo Baayden
Prezidaantii Amerikaa, Joo Baayden

Hokkarri Qawween gaggeeffamuu akka biyyaatti ennaa ilaalamuu amala keenya calaqiisa kan jedhan prezidaantiin Amerikaa Joo Baayden Kamiisa kaleessaa seera jabaa kan meeshaalee waraanaa hanga tokkoof hojjatu ajajuun kongreesnii ugguura meeshaa waraanaa yeroo dheeraa dura hojiin ala ta’e akka haareessuu gaafatan.

Hokkarri Qawween gaggeeffamu biyya kana keessatti akka weerara ta’e jira jechuun namoota , seera tumtootaa fi lammiwwan biyyatti waayit Haawus keessatti argamaniif ibsan.Kun immoo addunyaa duratti waan qaaneessaa dha jedhan.

Akkuuma ajjeechaan kun dabalaa deemuun seera tumtoonni kongreesa keessaa waan itti dhaga’amee ibsaa fi kanneen ajjeefaman kadhannaan yaadataa kan turan ta’uus/ seea fedeeraalaa kan hokkara Qawween ittisuu tokko hin raggaasiifne jedahn.

Yeroo ga’aa ta’eef kadhannaan yaadannee jirra, Amma garu tarkaanfii fudhachuu qabna jedhab prezidaant Baaydiin.

XS
SM
MD
LG