Ayyaana Walabummaa Yunaayitid Isteets Waggaa 240ffaa

  • Tuujubee Horaa

Adooleessa 4, Guyyaa Walabummaa Ameerikaa.

Yunaayitid Isteets, guyyaa Briteen irraa walaba itti baate waggaa 240ffaa, har’a, guutummaa biyyattii keessatti ayyaaneffee oolte.

Alatti walitti-dhufanii waaddii foonii fi nyaata adda addaa nyaachuudhaan, agarsiisawwa adda addaa geggeessuu fi xaaxee ibiddaa xaaxessuudhaan – guyyaa walabummaa isaanii kana yaadatanii oolan – lammiwwan Ameerikaa.

Prezidaant Baaraak Obaamaa, waaddii foonii fi konsertii sirbaa - Kedrik Lamaarii fi Jaanet Moonee, masaraa Waayti Haawus keessatti geggeessamu irratti maaltiilee loltota Ameerikaa afeeruudhaan waliin ayyyaaneffatan.

Ayyyaana Walabummaa Ameerikaa waggaa 240ffaa kana ilaalchisuun, qophii qindeessine guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa