Dhimmi Obbo Baqqalaa Garbaa Faa Yakka Ilaalcha Cufataan Akka Hin Gaggeeffamne Murtaa'e

  • Jaallannee Gammadaa

Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO, Hagayya, 2015

Obbo Baqqalaa Garbaa faa dabalatee dhimmi miseensota hoji raawwachiistuu paartii Kanogresii Federaalawaa Oromoo dhaddacha cufataadhaan akka ilaalamu gaaffii Abbaan-alangaa dhiyeesse manni murtii federaalaa dhaddachi afuraffaan sagalee guutuun kuffisee jira.

Adeemsi murtii sun dhaddacha ifa ta’een jalqabamee ragaaleen abbootii-alangaa ragaa dhiyeessuu jalqabanii jiru.

Abbaan-alangaa himatamtoota irratti ragaa namaa 43 kan lakaa’e yoo ta’u hanga sadaasa 13 bara 2009tti, ragaalee kana dhaggeeffachuun ni xumurama - jedhamee eegama. Himatamtoota kana irratti himannaan eega dhiyaatee baatileen torba darbuu isaa gabaase Mallaskachoo Amahaa. Har’a manicha-murtiitti kan argaman itti aanaa dura-taa’aa Kongaresii Federaalawaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu Jallanneen haasofsiistee jirti.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadha