Dhimma Ajjeefama Abboota Gadaa Karrayyuu Ilaalchisee Deemsi Araaraa Yaalamaa Jiru Itti-gaafatamummaa Seeraa Danquu Hin Qabu, Jedhame  

FAAYILII - Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobala Hoolaa Irreessoo 

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa ajjeefamuu jila Abboota Gadaa Karrayyuu ilaalchisee ibsa baaseen rakkoon sunn araaraan akka furamu carraaqqiin taasisamuun gaarii taheyyuu deemsichi araaraa itti gaafatamummaa mirkaneessuuf tattaaffii godhamu hamnbisuu waan hin dandeenyeef, deemsi itti gaafatamummaa seeraa danqamuu hin qabu, jechuun hubachiisee jira.

Ka dhimmicha itti dhiheenyaan hordofaa jiru Gumii Abboota Gadaatiif barreessaa ka tahan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoola Hirreessii, karaa sirna Gadaa araarri akka bu’uuf hojjetamaa jira, jechuun Raasiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

SEE ALSO: Miseensota Gadaa Michillerratti Ajjeechaan  Raaw’atame Humnoota Mootummaan Tahuu Gabaasaan Koomishina Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Beeksise  

Prezidaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhiheenya kana Caffee Oromiyaa irratti gaaffii dhihaateef ennaa deebii kennan, deemsi araaraa fi hojiin itti-gaafatama seeraa mirkaneessuu wal-cina geggeessamaa jira, jedhanii turan. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Dhimma Ajjeefama Abboota Gadaa Karrayyuu Ilaalchisee Deemsi Araaraa Yaalamaa Jiru Itti-gaafatamummaa Seeraa Danquu Hin Qabu, Jedhame