Faalama Qilleensaa Hanqisuuf Amerikaa fi Chaayinaan Walii Galan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Faalama Qilleensaa Hanqisuuf Amerikaa fi Chaayinaan Walii Galan

Yunaaytid Isteetsii fi Chaaynaan walii galtee tolfatan Robii kaleessaa labsuun, kanneen marii waa'ee faalama qilleensaa irratti mari'ataa turan ajaa'ibsisee jira.

Tooftaa yeroo dheeraa kan ho'a qilleensa addunyaa digrii seentiigreedii lamaa gad gochuu kun waggoota kurnan dhufaniif hojii irra oola.

Biyyonni guddataa jiran faalama qilleensaa hanqisuu akka danda'aniif biyyonni dureeyyiin maallaqa hagamii kennuu akka qaban dubbatamaa jira.