Gaazexxessaa Himata Malee Baatii Sadii Hidhame Yeroon Dabalataa Irratti Gaafatamee Jira 

  • VOA

FAAYILII - Gazeexxeessaa Amiir Amaan Kiyaaro

Gazeexxeessaa himannaan ituu irratti hin dhiyaatiin baatii sadiif hidhaa keessa ture Amiir Amaan Kiyaaro irratti polisiin akka raga-baatoota waliin gaaffii fi deebii gaggeessuf jechuun guyyaa dabalataa 11 manni murtii kennee jira.

Sana booda mootummaan sirnaan himataan ykn hidhaa baasa jedhamee jira.Asoosheeted preesiif yeroo gabaasuu maallaqnii kan baafamuuf ykn freelansiin kan hojjatu Amiir, erga baatii sadaasaa kaasee hidhaa keessa jira.

SEE ALSO: Itiyoophiayaa keessatti hidhamuun gaazexessootaa itti fufee jira

Angawoonni mootummaa Amiiriin battalumatti akka gadhiisan Asoosheetid Prees irra deebi’uun gaafatee jira.Asoosheetid Preesiif gulaaltuu walii galaa kan ta’an Julii pees akka jedhanti, Amiiriin hidhaa keessa tursuuf manni murtii murteessuun isaa, gaddisiisaa dha.

Mootummaan Itiyoophiyaa Amiriin battalumatti akka gadhiisu akksumas seeraan ala hidhamuun isaa xumuura akka argatu kan gaafatan julii pees kan irratti qiyyaafatamees Gaazexxessummaa walaba ta’een hojjachuu isaan jedhan.