Handaara Magaala Kiyeevti Dhohiinsi Dhaqqabee Jira 

  • VOA

Gabaa magaala Kiyeev keessaa tokko irratti haleellaa misaa'eliin geggeeffame booda, Kiyeev, Yukireen, Bitootessa 21, 2022.

Vidiyoon warabamee Dilbata kaleessaa dhiyaate dhohiinsii guddaan Dilbata kaleessaa dhaqqabuu, kanneen ibidda dhaamsanii fi baraarsitonni namoota caccabaa gamoo keessatti qabaman ennaa baasan agariisa.

Kantibaan magaala Kiyeev akka jedhanti haleellaan gaggeeffame manneen jireenyaa fi suqilee kan konyaa Podiil kan Kiyeev haleeluun yoo xiqqaate nama tokko ajjeesuu ibsan.

Weerara Raashaanaashaa Yukreen irratti bantee lubbuu namoota kuma hedduu galaafatee miliyoona sadii caalaa godaansisee.

Kun immo Raashaa fi Neetoo akkasumas Amerikaa giddutti wal-dur dhaabannaa hammeessa sodaa jedhu umee jira.