Hoji Dhabiinsi Addunyaa Akka Dabaluuf Jiru Ibsame

  • VOA

Hoji Dhabiinsi Addunyaa Akka Dabaluuf Jiru Ibsame

Dinagdeen addunyaa haalli dalagaa wabii dhabuun dhiibbaa qabaachuu isaa jarmayaan hojjettootaa sadarkaa addunyaa beeksisee jra. Jarmayaan kun hoji dhabiinsi waggaa kanaa miliyoona 201 darba jedhee ka tilmaamuu ta’uu beeksise. Lakkoobsi kun kan waggoota darban irra miliyoona 3.4n dabale jetti Lisa Schlein gabaasa ergiteen.

Bara dhufu jechuun 2018 keessa hojii dhabiinsii miliyoona 2.7 akka dabaluu kan eegamu ta’u jaarmayaan hojjattootaa kan addunyaa beeksisee jira.

Kanaafis akka sababaatti gabaasni kun kan lafa kaa’e kufaatii dinagdee addunyaatu carraa hojii qubsaa ta’e argamsisuu hin dandeenye ka jedhu.

Lakkofsi namoota carraa hojii argatanii gad adeemaa haala jiru keessatti dinagdee bu’ursuu fi guddisuun akkaan rakkisaa dha.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadha

Your browser doesn’t support HTML5

Hoji Dhabiinsi Addunyaa Akka Dabaluuf Jiru Ibsame