Jireenyi Qaala’uun Rakkoo Hamaaf Nu Saaxile: Jiraattota Magaalaa Hawaasaa 

  • VOA

Magaalaa Hawaasaa

Jiraattonni magaalaa Hawaasaa, gatiin bittaa akka malee ol ka’uu isaa irraa kan ka’e qaala’insa jireenyaan ka rakkataa jiran tahuu, Sagalee Ameerikaatti dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Jireenyi Qaala’uun Rakkoo Hamaaf Nu Saaxile: Jiraattota Magaalaa Hawaasaa

Qaala’insa jireenyaa kana kan hordofsiise abboota qabeeyaa ofittoodhaan shira xaxamuu fi muudamtoonni mootummaa rakkoo kanaaf ilaalcha kennuu dhabuu dha, jedhuun himatan jiraattonni kun.

Jiraataa magaalaa Hawaasaa kan ta’anii fi dhaaba bu’aaf hin hojjenneef kan hojjetan obbo Alaqaa Naaqoo akka jedhanitti qaala’inni jireenyaa bifa adda addaa qabate jedhan dhiibbaa irraan ga’uu dubbatu.

Namni jiraachuuf waan barbaade argachuuf qabsoo hedduu gaafata. Amma isa danda’u qofaa dha kan darbaa jiru. Yeroo ulfaataa dha.