Prezidaantiin Yukireen Zelenskiin  Ennaa Raashiyaan Biyya Isaanii Weerarte Kanatti Deggersa Jarmanii Gaafatan

  • VOA

FAAYLII - Prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy

Prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy kamisa har’aa waamicha gargaarsaa Jarmaniif dhiyeessuu dhaan, paarlaamaa Jarmaniif haasaa dhageesisaniin,walabummaa fi gabrummaa jidduutti ededa haaraatu ijaarmaa jira jedhan.

Kanaaf ededi kun immoo guyyaa guyyaan akkuma boombiin tokko Yukireen irratti darbmaa deemuun, akkuma tarkaanfiin tokko fudhatamuu dhabuun guddataa adeema jechuu dhaan Zelenskyiin haasaa viisiyoo dhageessisaniin dubbataniiru. Gaazii uumamaa Raashiyaa deddeebisuuf yaadamee kan turee fi kan yeroo ammaa rarraasame projektii ujummoo lamaa Jarmaniin deggeruu isee qeequu dhaan, Jarmaniin nageenya Yukireen irra yaaddoo dinagdee ofii dursiti jedhan.

Gara keessanitti fuula deeffanna. “ Ujummoon kun lolaaf qophaa’uu ta’uu isinitti himna jedhan Zelenskiin.

Magaalaa marfamte kan Yukireen gama kibaa Mariiupool keessa kan jiru mana tiyaatiraa siiviloonni dhibbaan laka’aman dahatanii jiranii fi Raashiyaan samii irraan haleellaa raawwatte jechuun Yukireen beeksiste keessaa tattaaffiin lubbuu oolchuu itti fufee jira. Kampanii teeknooloojii hawaa Maxar jedhamuun kan gad dhiisame suraan saatelaayitii naannoo sanaa akka mul’isutti, barreeffmni ijoolle jedhu afaan Raashiyaan lafa mana tiyaatira sanaa ala jiru irratti barreeffamee argama.