Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukireen Keessatti Dubartiin Ulfi Haleellaa Boombiitiin Miidhamtee Turee Lubbuun Darbe


Dubartii ulfa hoospitaala halellame keessa turte yeroo hojjattonni qarqaarsaa gamoo keessaa fuudhanii bahan, Mariwupool, Yukireen, Bitootessa 9, 2022.
Dubartii ulfa hoospitaala halellame keessa turte yeroo hojjattonni qarqaarsaa gamoo keessaa fuudhanii bahan, Mariwupool, Yukireen, Bitootessa 9, 2022.

Yukireen magaalaa Maari’upol keessatti Roobii darbee haleellaa Hospitaala bakkaa haadhowan itti dahan irratti raawwatameen mada’uudhaan hospitaalaa biroo keessatti waldhaanamaa kan turtee dubartiin lammii Yukireen du’uun ishee gabaasameeraa.

Akka gabaasinii Asooshiyeetid prees jedhetti, ulfii garaa ishee keessa ture gargaarsaa Haakimootaatiin bahus, mucaan garuu lubbuudhaan hafuu hin dandeenye.

Dubartii kanaa wajjiin dubartoonii biroo lamma haleellaa boombii umnoottan Raashaatiin kan madaa’an Yemuu ta’u, lamman issaaniyuu ijoolee durbaa dahan lamman wajjin lubbuudhaan hafuu isaanii gabasin dhaabbataa Oduu Asoosheetid prees ibseera.

XS
SM
MD
LG