Sudaan Kibbaa Rakkoon Akka Ishee Eeggatu Ibsamee Jira

  • VOA

FAAYILII - Baqattoota Suudaan Kibbaa nyaata kennameef fudhachaa jiran, Caamsaa 10, 2019.

Mootummaan Sudaan Kibbaa raafama nageenyaa biyyatti keessa jiruun deggersa heeraa hojii irra ituu hin olchiin filannoo gaggeesinaan hokkara guddaa keessa akka bu’uuf jirtu gareen Tokkummaa Mootummootaa akeekkachisee jira.

Sudaan Kibbaa keessatti Komishinni mirga namoomaa kan miseensoota 3 of keessaa qabu dhiyeenya kana kaawunsilii mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaaf gabaasa dhiyeessee jira.

Sudaan Kibbaa yeroo ce’umsaa waggaa sadiif qabaattee bara dhufu jechuun bara 2023 filannoo walii galaa gaggeessuu qabdi.Ta’uus garu qabxileen walii galtee nageenyaa kanneen ijoo ta’an hojii irra hin oollee kan jedhan miseensonni komishinichaa,kanaaf filannoo inni jedhu hin deemsiisu jedhu.

Angawoonni mootummaa Sudaan immo jijjiiramnii jira kanaaf filannoo gaggeessuun ni danda’ama jedhu.