Prezidaant Doonaald Tramp COVID-19n Erga Qabamanii Booda Uummata Ameerikaan Koronaa Hin Sodaatinaa Jedhan 

  • VOA

Prezidaant Doonaald Tramp vaayiresii lubbuu galaafatu kanaan qabamanii 'sa’aatilee 72f mana yaalaa erga turanii White Housetti deebi’anii booda wixata kaleessaa galgala uummata Ameerikaan COVID-19n akka hin sodaanne waamicha dabarsan.

Qaamni isaanii cimaa ta’uu agarsiisuu dhaan haguuggii afaanii bakka ofittii fuudhan kutaa White House Truman jedhamu ala dhaabatanii helikoopterri Mariin 1 jedhamtu lafaa ka’uuf ennaa qophooftutti nagaa itti dhaamanii jiran. Prezidaantichi haguuggii afaanii fi funyaanii ykn mask deebisanii utuu hin kaayyatin bakka kanneen biroon gamas ga’uu isaanii eegan White Housetti ol seenan.

Sana dura immoo mana qorichaa waraana biyyoolessaa Walter Reed jedhu keessaa ba’uu dhaan kanneen isaan deggeruuf ala dhaabataniin galatoomaa ittiin jedhan.

Prezidaantichi helikooptera keessaa ba’anii gara White Housetti ennaa deeman, takka dhaabatanii gara kameeraatti garagaluu dhaan harka mirmirsanii nagaa ta’uu isaanii ibsan. Maal akka isaanitti dhaga’amu gaaffii VOA biraa gaafatamaniin sagalee ukkaamamaa ta’een baay’ee gaarii dha jedhan.

Booda gara galgalaa irra sagalee isaanii waraabuun ergaa waa’ee COVID-19 tweeter irratti maxxansaniin dhibeen kun jireenya keessan irra akka aanu hin godhina. Hin sodaatinaa jedhan.

Hojiitti ni deebina. Dursuu dhaaf ni baana jedhan. Jireenya keessan akka hin dhuunfanne hin godhina. Gad ba’aa, of eeggadhaa jedhan. Yaada uummataa funaanameen kan deggersi isaanii itti aanaa prezidaantii duraanii Joo Baayideniin booda jiru prezidaant Tramp,falmii Onkoloolessa 15 geggeessamuuf jiru irratti mormituu isaanii kaadhimamaa dimokraatichaa waliin dhiyaachuuf karoorsuu isaanii duulli filannoo Ripaablikaanotaa ibsee jira.

Doktorri isaanii Dr. Sean Conley tuuta oduuf kaleessa waaree booda ibsa kennaniin haala hamtuu irraa guutummaan dandammachuu dhiisuu malu garuu gareen wal’aansa fayyaa isaanii fi ani gamaaggama gooneef, itti dabalees haala wal’aansa kennameefii ennaa ilaallu White Housetti deebi’uu isaanii ni dggerra, achittis ogeessota fayyaa prezidaanticha sa’aatii sa’aatiin to’atanu jiru jedhan.