Walitti Bu’iinsa Daangaa Lubbuu Namaa Galaafate Irratti Angawaan Oromiyaa Maal Jedhu ?

  • Jaallannee Gammadaa

Walitti Bu’iinsa Daangaa Lubbuu Namaa Galaafate Irratti Angawaan Oromiyaa Maal Jedhu ?

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kan naannoo Somaalee giddutti walitti bu’insii eega uumamuu jalqabee bubbulee jira.Uummanni gara itti cituu barbaade sagalee hiree murteeffanno kan kenne ta’uus guutummaatti hojii irra lafti hin oolle jira jedhu bulchiinsa naannoo mootummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan waajiira dhimmootii komunikeeshinii Obbo Addisuu Araggaa.Hidhatoonni bulchiinsa nannoo Somaalee irraa dhufanbaatilee darba lama keessatti godinaalee Oromiyaa shanii fi aanaa kudha afuur keessatti walitti bu’iinsa kaasuu fi uummanni Oromoo lafa irraa dheesse irratti alaabaa ofii dhaabu jedhan.

Kunis qabeenya lafaa humnaan babal’ifachuu fi dinagdee waliin hidhata qaba jedhu.Bulchiinsa naannoo lamaan irraa walitti dhufuun akkasumas mootummaa Federaalaa dabalachuun rakkoo uumame furuuf mari’ataa akka jiran ibsanii namoonni ajjefaman fi miidhaman akka jiran akkasumas qabeenyaan miidhamuu dubbatu.

Gaaffii fi Deebii Kutaa Duraa kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Walitti Bu’iinsa Daangaa Lubbuu Namaa Galaafate Irratti Angawaan Oromiyaa Maal Jedhu ?

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi Deebii Kutaa Lammataa Kana Cuqaasuun Dhaggeeffadhaa