Yaa’iin Idilee Caffee Oromiyaa Sababaa fi Furmaata Jeeqama Oromiyaa Keessaa Irratti Mari’ate  

Pireezidaanitii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shumalis Abidisaa

Yaa’ii idilee Caffee Oromiyaa walga’uudhaan madda jeeqama dhiheenya kanaa fi furmaata isaa, ka jedhu irratti mari’atee jira. Rakkoo fi gadadoo uummata Oromoo kanneen dheeressuu gareeleen baribaadan jal’aa Oromootti fayyadamuun ammas lammaffaa deebii'uu yaala jiru, jedhan Pireezidaanitiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shumalis Abidisaa dubbatan.

Qaamolee lama kan "ABO shanee" jedhanii waamanii fi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay maqaa dhahuun akka madda rakkoo kanaa tahanitti himatanii jiru. Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay immoo gama isaatiin, “gaaffii uummataaf deebii kennuu dhiisanii akka rakkoo jiruuf sababaa taaneetti quba nutti qabuun barbaachisaa miti,” jedhan.

Dura-taa’aan Kongiresa Federaalwa Uummata Oromoo, Proofeesar Mararaa Guddinaa, “mootummaan warra kaanitti quba qabuu irra dhibee keessa isaa furatee, marii siyaasaa biyyoolessaa hunda hirmaachise qopheessuu qaba,” jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Yaa’iin Idilee Caffee Oromiyaa Sababaa fi Furmaata Jeeqama Oromiyaa Keessaa Irratti Mari’ate