Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Yaadannoo Miseensa Mana Maree fi Qabsaa’aa Mirga Namaa Ameerikaa Kan Joon Lewis Geggeessamaa Jira 


Miseensa mana maree kan ta’an qabsaa’aan mirga namaa beekkamtichi Joon Lewis, kabajaa ol aanaa lammii Yunaayitid Isteesiif kennamu kan argatan yoo ta’u reeffi isaanii Wixata har’aa fi bor biilsa mana maree dhufuuf kan jiru ta’uun ibsame.

Lewiis umurii isaanii waggaa 80tti turban darbe kan boqotan yoo ta’u kaanserii rejiijiitiin qabamanii yeroo dheeraaf dhukkubsataa turan.

Saanduqi reeffa isaanii biilsa mana maree bakka isaan waggoota 33f uummata Jooorjaa tajaajilanitti fidamee jira.

Of eeggannoo COVID-19n wal qabatee reeffi isaanii biilsa mana maree gara ol aanaa irra kaa’amuu dhaan uummati nagaa itti dhaama.

Kutaa Montgomery, Alabaamaa dilbata kaleessaa uummati kabajaa isaaniif qaban ibsanii sirna yaadannoo geggeessanii jiran.

Faardi Saanduqa reeffa isaanii baatee fi alaabaa dhaan faayame bara 1965 riqicha Edmund Pettus kan Selmaa keessaa bakka isaan ennaa hiriira mirga namaa geggeessame irratti hirmaatan, poolisiiin itti isaan rukute irra darbuu dhaan mana maree bakka bu’oota Alabaamaatti geessame. Guyyaan isaanii fi michoonni isaanii qabsaa’ota mirga namaa itti reebaman sun “Bloody Sunday” Dilbata dhiigi itti dangala’e jedhamuun beekama.

XS
SM
MD
LG