Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arenaan Filannoo Mootummaan Naannoo Tigraay Gegeessu Irratti Hin Hirmaadhu Jedhe  


Waggoottan 12n darbaniif naannoo Tigraay keessatti paartii mormituu kan ta’e Arenaan ibsa har’a baaseen, filannoo biyyoolessaa fi naannoo bara 2002 fi 2007 geggeessame irratti hirmaachuu isaa tuqee, filannoowwan kun kan haqaa walaba ta’uu baatanis qabsoo karaa nagana geggeessamuuf wareegama baasuu dhaan waltajjii siyaasaa bal’isuufan hirmaadhe jedhee jira. Filannoon naannoo Tigraay keessatti geggeessamuuf jiru seeraan alaa fi faallee heera biyyaa waan ta’eef Areenaan hin hirmaatu jechuun beeksisee jira.

Itti gaafatamaan sab quunnamtii uummataa paartichaa obbo Amdoom G/sillaasee VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin paartiin IWEHT faallaa heeraa dhaabbachuu dhaan filannoo raawwachiisuuf mirga boordii filannoo qofaaf kenname cabsuu dhaan seeraan ala qaama filannoo raawwachiisu hundeesseera, seeras baaseera. Kanaaf filannoo faallaa seeraa ta’e kana irratti hin hirmaannu jedhan.

XS
SM
MD
LG