Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Aanaa Pirezdaantiin Duraanii, Baayden, Yeroo Sadaffaaf Dorgommii Pirezdaantummaatti Jiru


Joo Baaydin injifannaan baatii Amajjii dhufu kakatanii aangoo qabatu. Kana malees prezidaantii isa 46ffaa ta’uuf jiru.Yeroo sanatti umriin isaanii 78 kan guutuu yoo ta’u kun immoo prezidaantii Amerikaa umrii guddaa qabaachuun hojii irra jiru isa duraa isaan gochuuf jira. Traamp amma umriin isaanii 74.

Baaydin baatiileef duula filmaataa gaggeessaniin bulchiinsa Traamp isa seeraan ala deemu sanatti xumuura gochuu dha, jedhan. “Amerikaa fooyyofte argamsisuuf duula keessa jirra”jedhan Baaydin duula Marsariitii irratti gaggeessaniin. Eenyu akka taane yaadachuuf yeroon amma. Nuti lammiwwan Amerikaa ti, cimoodhaa fi rakkoo keessaa ba’uu warra dandeenyu. Yeroo hundumaa abdii guutuu qabna jedhan. Walii keenya waliin kabajaan jiraachuuf yeroon amma, Jireenya giddu galeessaa kan guyyaa hundaa hojjatee jiraatuu ijaaruu qabna. Angoon gar-malee gargaaramuu yeroo ammaa argaa jirru faccisuu qabna. Gad fageenyaan irratti hojjannaan guyyootii gaariin nu fuul-duura akka jiran yaadachuu qabdu jedhan Baaydiin.

Traamp addunyaa walaba taate keessatti hogganaa dandeettii hin qabne dha kan jedhan Baaydii hogganaan kabajaa qabu waltajjii addynyaa fi Amerikaa keessatti ol baasuuf yeroon amma jedhu.

Garuu sababaa weerara vaayrasii koronaan kan ka’e baatii keessa jirru Adooleessajalqaba irra duula na filadhaa Baaydiin gaggeessuuf saganteeffatan akka isa ammaan dura baratamee sanaa hin milkoofne.

Duula filmaataa kana irra jireessa bakka jireenya isaanii kan ta’e kutaa Dalaweer yeroo tokko tokko immoo magaala kutaa sana keessatti guddina isheen beekamtuu Wilmingtan deemuun gaggeessan.

Kan itti dhiyeenya qabu Filaadeelfiyaa kan kutaa Peenseelveniyaa haasawaa dhageesisuun imaammata kan ilaaleen gareelee namoota lakkoofsaan xiqqoo ta’an qaban waliin mari’atanii jiru Baaydiin.

Kan yeroo tokko senetara Amerikaa turan Baaydiin baatilee sadii keessatti yeroo tokko qofa tuuta oduuf ibsa kan kennan yoo ta’u uummta hedduu walitti-qabuun haasawaa siyaasaa dhageesiuuf faca’iina vaayrasii koronaa fi vaayirasichaan qabamuu sodaatan.

Yunivarsitii Dalaweer irraa akkasumas yunivarsitii seera barsisuu Seeraakiyuus jedhamu irraa Baaydiin umrii isaanii 29tti eebbifaman. Bara 1972 seera tumtoota keessaa tokko ta’uun umrii dargaggummaatti filatamanii seeneeta Yunaaytid Isteetes seenan.

Garu filatamanii eega seenanii torbanneen booda waan gaddisiisaan tokko Baaydiniin mudate. Haatii warraa isaani Neilis fi intala durbaa umriin waggaa tokkoo Naomiin ayyaana ganniif waa bituuf akka ba’anitti balaa konkoolaataa du’an.

Baaydiin barcuuma seeneetaa itti filaman dhiisanii ba’uun ijoollee dhiiraa haadha malee hafan lama guddisuuf yaadan. Boodarra garuu, Washington fi Dalaweer gidduu baaburaan daqiiqaa 90 ykn sa’atii tokkoof walakkaa deddebi’uun dhaqaa gala sa’atii sadii guyyaa guyyaatti imaluun hojjachuu jalqaban. Kanas yeroo seeneeta keessa itti turan marsaa 6 jechuun waggootii 36f deddebi’aa turan.

Haatii warraa eega duutee waggoota hedduu booda Baaydiin kan yeroo sana barsiiftuu turte Jill Jacobs Tracy wajjiin wal baranii boodas gaa’iila dhaabbatan. Intala durbaa tokko bara 1981 argatn. Baaydiin bara 1987 fi bara 2007 prezidaantummaa Yunaaytid Isteetesiif kan dorgoman yoo ta’u yeroo lamaanuu deggertoota ofii biraa deggersa ga’aa argachuu hin dandeenye.

Bara 2007 filannoo prezidaantummaa keessaa kan ba’an Baaydiin booda irra kan prezidaantummaa Amerikaaf kaadhiimaman Baaraak Obaamaan itti aanaa koo ta’uun dorgomi jechuun gaafataniin.

Lamaanuu bara 2008 akkasumas filannoo bara 2012 gaggeefameen marsaa lamaaf filtaman. Baaydiin itti aanaa prezidaantii Amerikaa ta’uun waggoota 8f hojjatan. Yeroo seenata keessa turan yeroo dheeraaf Baaydiin koree birkii alaa seneetaa kan humna guddaa qabaataa ture sana keessatti miseensa turan. Dura ta’aa koree kanaa ta’uun marsaa lama hojjatan.

Duula waraanaa galoo galaana Pershiyaa kan bara 1991 sana mormuun garuu bara 2003 Iraaq akka weeraramtuuf sagalee kennan. Bara 1994 Yunaaytid Isteetes fi NATOn Bosniyaa akka seenaniif falman.

Yeroo bulchiinsa Obaamaa keessatti itti aanaa prezidaantii turan imaammata Amerikaan Iraaq irratti qabaachuu qabdu kan qindeessan yoo ta’u kunis bara 2011 humnootii Amerikaa gamasii baasuu kan jedhu of-keessaa qaba. Kana malees bara 2011 waraannii NATOn hogganamuu rakkoo Libiyaa gidduu akka seenu deggeranii jiru. Qooda ijoo ta’an kan Baaydiin yeroo seenata keessa turan hojjatan keessaa addumatti seera farra yakkaa ta’e qopheessuu kunis seera Federaalaa kan meeshaa waraanaa ugguru kan hanga bara 2004 jechuun waggoota kudhaniif hojii irra olee of-keessaa qaba. Garuu, seerri kun irra deebi’amee hin haaromfamiin hafe.

Yakkamtoota irratti adaba cimaa kennamu kan ilaaleen filannoo bara 2020 kanaaf ejjennaa qaban haareessanii jiru. Baaydiin amma akka jedhanti namoonni lakkoofsaan akkaan hedduu ta’an mana hidhaa Yunaaytid Isteetis keessa jiru. Irra hedduun namoota hidhamanii kun gurraachaa fi gosa biroo adii hin taanee dha jedhan.

Baayidin yeroo seeneeta keessa turan seerri hunduu akka fudhatu gochuuf jabinaan irratti hojjatan fi akkaan barbaachisaa ta’e tokko hookkara dubartoota irratti oofamu hambisuuf seera ba’e sana, jedhan.

Garu bara 1991 mana murtii mummicha kan Yunaaytid isteetiif nama prezidaantiin yeroo sanaa Jorjii Buush dhiyeessan Clarence Thomas gurraacha yaada irratti cichan yoo ta’an Baayidiniin partii isaanii kan ilaaleen jechaan dhahan.

Kilaarensi Tomaas waliin hojjataa kan turte dubartiin abukaatoo taate Anitaa Hiil jedhamtu, Tomaas hookkara saalaa na irratti oofa jechuun himatte. Tomaas garuu soba jedhan. Baayidiin dura ta’aa koree seeraa waan turaniif waan Hiil himatan ragaalee jajjabeessan dhaggeefachuu dhaaban. Gareeleen dubartootaa dubartoonni qabsaa’onni yaada madaalawaa qaban waan Baaydiin godhan kana qeeqanii turan. Sana booda Tomaas caalmaa sagalee xinnoon haga guyyaa har’atti barcuma itti filataman akka qabataniitti jiru.

Baatii Caamsaa bara darbee jechuun 2019 Baaydiin abukaatoo Anitaa Hiil jedhaman kanaaf bilbilaanii gaafa sana waanan godheef gaddeera ittiin jedhan. Hiil garuu akkuuman yeroo sana waan Baaydiin godhan hin fudhnne sanaattan ammayyuu jira jedhan.

Imaammanni wal qixxummaa sanyii fi dubartootaa Amerikaa keessaa akkasumas walii galteen addunyaa waliin tolfaman dabalatee prezidaantii Obaamaan yeroo waggaa saddeetiif waayit Haawuus keessa turan sanaa Baaydiin yoo filataman sana calaqisuuf jiruu?

Traamp Amerikaa walii galtee daldalaa nuukleeraa jijjirama qilleensaa keessaa baasanii fedhii biyyattiif iddoo duraa laachuu hin dandeenye. Baaydiin ejjennaa Amerikaan qabduu fi hariiroo addunyaa wajjiin ture iddotti deebisuuf akka jiran mirkaneessanii jiru.

Biyya keessatti seera tumtoota paartilee lamaan waliin hojjachuun Baaydiin beekamoo dha. Garuu yeroo falmiin kaadhimamatoota paartii Demokraatootaa giddutti baatii Bitooteessa dabree gaggeeffame sana Baaydiin paartii dimookraatootaa har’a jiruuf nama yaada giddu galeessa qabu miti jechuun qeeqa dhiyaate Baaydiin of-irraa faccisanii turan.

Bara bulchiinsa Obaamaa galmee gaarii qabna, tajaajila eegumsa fayyaa babal’isuun , namoonni saala wal fakkaataa qaban gaa’iila akka dhaabbatan ehamuun akkasumas kaampaaniileen konkolaataa adda addaa kufaatiin akka isaan hin mudanne gama gargaarsa gochuun falman.

Traamp vaayrasii Koronaa to’achuuf yaalii gaggeeffame ganee kan jedhan Baaydin do’ii siyaasaa fi fedhii fi hawwii ofiin kan guutamee odeeffannoo sirrii hin taanee kan yaada namaa waliin dhahuu fi loogii hammeesse oofu dhaabuu qaba jedhan.

Fayyaa uummataa kan ilaaleen murtiin kennamuu kan ogeessoota eegumsa fayyaa malee kan hogganoota siyaasaa akka hin taanee mirkaneessuu qaba jedhu.

Masaraan Waayit Hawuus waan yaadu, jechoota mufannaa akkasumas tuttuqqaa Traamp Twitarii irratti ofaa jiruun mul’ataa jira jedhu Baaydiin.

Baaydiin kana jedhanii dubbachuun immoo Traampiif carraa kennee, kaadhimamaan Demookraatootaa Baaydiin umriin akkuma dullomaa deemuutti sammuun isaas hojiin ala ta’aa deeme jedhan.

Baaydiin torbanneen dhiyeenya kanaa keessa anii kaniin dorgomuu prezidaantummaaf otoo hin taanee seeneetaaf jedhan.b Yeroo ka biraa immoo lammiwwan Ameerikaa vaayrasii koronaan du’an kuma 100 fi kuma 20 jechuu manna Miliyoona 100 fi Miliyoona 20 jedhan. Waan qaaneessaa akkasii ituu anatu dubbatee ta’ee midiyaan soba oofan sun adaba guuranii na irratti bobba’u turan jechuun Twitarii irratti kan barreessan Traamp, Kun dogoggoora salphaa miti, waan sana caaluu malee jedhan.

Baayidin garuu, sammuun isaa sirrii hin yaadu jedhamus,teessanii arguuf jirtu. Dandeettii sammuu namicha isa ana waliin dorgomuuf deemuu fi kan dandeettii sammuu kan koo gidduu adda addumaa jiru agarsisuuf, obsaan yeroo isaa eeguu hin danda’uu jedhan . Kaadhimamtoonni paartilee lameenii kun baatii Fuulbaana fi onkolooleessa dhufu keessa falmii marsaa sadii gaggeessuuf karoorfatanii jiru.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG