Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp fi Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin,Boruu Telefoonaan Dubbachuuf Jiran


President Donald Trump, with his Chief of Staff Reince Priebus, sits at his desk on Air Force One upon their arrival at Andrews Air Force Base, Jan. 26, 2017.
President Donald Trump, with his Chief of Staff Reince Priebus, sits at his desk on Air Force One upon their arrival at Andrews Air Force Base, Jan. 26, 2017.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Doonaald Traamp fi Prezidaantiin Raashiyaa – Vilaadmiir Puutiin, Sanbata boorii, telefoonaan dubbachuuf jiran.

Eega Traamp taayitaa prezidaantummaa qabatanii booda, hoogganoonni biyyoota lameenuu walitti dubbachuun ka boorii kun ka jalqabaa ta’uuf deema.

Eega Traamp baatii Sadaasaa keessa filannoo injifatanii booda illee hoogganoonni lameen waliin dubbatanii turan. Hariiroo biyyoota lameen gidduu akka fooyyessuuf hojjetan illee dubbatanii turan - yeroo sana.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets haaraan kun, ka bara prezidaant Baaraak Obaamaa caalaa, Raashiyaa fi Puuutiin waliin hariiroo gaarii akka qabaaxchuuu fedhan dubbatanii turan. Uggura mootummaan Obaamaa Raashiyaa irra kaa’ee ture illee akka kaasuu malan dubbatan – Traamp.

Qeeqxonni isaanii garuu, hariiroo isaanii Puutin waliinii kanatti gammadoo miti. Kanneen keessaa tokko, ka prezidaantummaaf dorgomaa turan - Hilarii Kilinteni.

XS
SM
MD
LG