Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaala Baatee Kan Godina Walloo - Kamisee Keessatti Hidhaa fi Doorsisni Hammaate Jedhu Jiraattonni


Magaala Baatee
Magaala Baatee

Mootummaa naannoo Amaaraa keessatti godinaa addaa Oromiyaa Walloo Kamisee aanaa Baatee (Baatii) keessatti Wiixata Sadaasa 14 bara 2016 alaabaan Adda Bilisummaa Oromoo fannifamee argame jechuudhaan humnoonni mootummaa namoota dorsisuu fi hidhuu hammeessuu isaanii jiraattonni ibsanii jiru. Reebichaa fi hidhaa ammaan dura uummata irra ga’aa ture kan jiile uummatni “yeroo kana hidhaatti hin seennu” jechuun dheessaa jira, jiru – jedhan. Humnoota mana namaa seenuun nama qaban dura dhaabachuunii fi walitti dhukaasuun wannuma baratamaa ta’e, jedhu.

Angawoonni Baatee garuu, alaabaan ABO hin fannifame. Namni hidhamees ta’e dararame hin jiru, jedhu. Hundinuu nagaa dha jedhan.

Gaaffii fi deebii guutuu kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG