Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doonaal Traamp Pireezdaantii 45ffaa Ta’ee Filamuu Raggaasisuuf Baka Bu’oonni Ummataa Harra Sagalee Kennaa Jiran


Kaartaa bayii filannoo pireezdaantii Ameerikaa bara 2016 agarsiisu
Kaartaa bayii filannoo pireezdaantii Ameerikaa bara 2016 agarsiisu

Kan oduun isaa ho’ee dubbatamaa jiru filannoon prezidaantii yunaaytid Isteets ka baranaa har’a sagalee bakka bu’onni ummataa kan kutaalee irraa kennaniin ifatti murteeffamuuf jira.

Kunis dureesichi Amerikaa Donaald Traamp prezidaantii Amerikaa isa 45ffaa ta’anii filatamuu mirkaneessuuf jira.Traamp Amajjii 20 fullee keenyaa kakachuun whaayit Haawuus qabachuuf akka jiran lammiwwan Amerikaa baatii sadaasa jalqaba irraa kaasanii beeku.Ta’uus garu bakka bu’oota uummataa kan kutaalee sahntamaan malee sagalee dhunfaa uummanni guutummaa biyyattiitti kenneen Traamp hin injifanne.

Sagaleen bakka buutonni 538 kutaalee 50 irraa kennan heddumiina lakkoobsa uummataa irratti hirkachuun waan ta’eef har’a sagalee kennuuf jiru

XS
SM
MD
LG