Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Mootummaa fi Mormitoonni Deddeebisanii Walga’an Iyyuu Tarkaanfiin Guddaan Fudhatame Hin Jiru, Jedhu Mormitoonni

Walga’iin paartii mootummaa Itiyoophiyaa fi paartiilee mormitootaa waliin geggeessamaa jiru marsaa ja’affaa dhaa booda amma illee sirna ittiin waliin-dubbannaatti seenan ijaaruu keessatti dhimmoota ijoo ta’an irratti haga ammaatti walii-galtee irra hin geenye.

Sirna waliin-dubbannaa tolchuu keessatti, dhimmoonni wal-falmsiisoo ta’an ijoon tokko, qaamni sadaffaan waliin-dubbannaa san hoogganuu fi taajjabu jiraachuu qaba moo hin qabu? ka jedhu. Ka biraan immoo, gamtaan paartiile mormitootaa “Medrek” akka mormituu ijoo paartii mootummaa waliin gita tokkotti dubbatuutti fudhatamuu qaba, ka jedhu. Kanneenii fi ka biroo irratti otuu waliigaltee tokko irra hin ga’amiin gara ajandaa waliin dubbannaatti seenuun hin danda’amu. Hirmaattota walga’ichaa keessaa tokko ka ta’an – miseensa koree hoji-geggeessituu Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Xuruneh Gamtaa haasofsiisnee jira.

Kana cuqaasuun guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa

Paartiin Mootummaa fi Mormitoonni Deddeebisanii Walga’an Iyyuu Tarkaanfiin Guddaan Fudhatame Hin Jiru, Jedhu Mormitoonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:28 0:00

XS
SM
MD
LG