Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Baqqalaa Garbaa fi Kannen Biroon Har’a Uffata Keessaan Uffatamuun Mana Murtii Duratti Dhiyaatan


Mana Murtii Federaalaa, Finfinnee
Mana Murtii Federaalaa, Finfinnee

Mana hidhaa Qilinxoo keessaatti kamisa Waxabajjii 2 bara 2016 uffata gurraacha hidhamtonni qaban erga harkaa funaananii booda mana hidhaa dukkanaa keessa nu bulchanii jimaata har'a immoo uffata gurraacha hin taane uffadhaa jennaan diduu keenyaan uffata keessaan uffatamuun gara mana murtiitti fidanii nu dhiyeessan jechuun hidhamtooti dubbachuu isaanii abukaatoonni himatamtootaaf dhaabbatan ogeessonni seeraa Wandimmuu Ibsaa fi Abduul Jabbaar Huseen Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsaniiru. Galmee Obbo Baqqalaafaa irratti kan himataman walii galaan 22 yoo ta’an himannaan irratti dhiyaatees shoroorkeessummaan ta’uun ni yaadatama.

Gazexaan Addiis Istaandaard Jedhamus kana irratti kan gabaase yoo ta’u hunduu Kophee malee miilla duwwaa dhiyaachuu isaanii Gabaase. Deemsa dhaddacha har’a kana irratti maatiwwan hidhamtootaa ol seenanii dhaggeeffachuuf ehama kan hin arganne ta’uu fi himatamtoota diigdamii lamaanuu balbala borootiin dhoksaan seensisan jedhu abukaatonnii fi Maatiin kanneen hidhamani. Dhaddachi xumuramee yeroo ba’anis karuuma boroo baasuun isaanii ibsamee jira. Manni murtiis hidhamtoonni hunduu komee fi badii nu irratti rawwatame jedhan barreeffamaan akka dhiyeeffatan ajaje jira.

Gama kaaniin kan silaa har’a dhiyaachuun itti ture barattonni yunivarsitii Madda Walaabuu fi kanneen magaalaa Amboo fi naannoo isheeti hidhaman hin dhiyaatiin hafaniiru. Sababaa manni hidhaa Qilinxoo kenne immoo jarreen mana murtiitti fiduuf kokolaataa hin qabnu ka jedhu. Kanaafi manni murtii bellama ka biroo kenne jira. Komee qabanis Abukaatoon barreeffamaan akka dhiyeessuuf ajaja kennan.

Obbo Baqqalaa Grbaa fi Kannen Biroon Har’a Uffata Keessaan Uffatamuun Mana Murtii Duratti Dhiyaatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:34 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG