Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiirraan Kaabinee Itiyoophiyaa Keessatti Tahe Deebii Gaaffiilee Uummataa Tii?


Jijjiirraan Kaabinee Itiyoophiyaa Keessatti Tahe Deebii Gaaffiilee Uummataa Tii?
Jijjiirraan Kaabinee Itiyoophiyaa Keessatti Tahe Deebii Gaaffiilee Uummataa Tii?

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Obbo Hayile-maariyaam Dessaalenyi, kaabinee isaanii haaraa, mana-maree bakka-bu’ootaa uummataaf dhiheessuun raggaaisanii jiran.

Jijjiirraa kanaaf, miseensota kaabinee haaraa 21 dhiheessanii, muudamni isaanii sagalee paarlaamaa guutuudhaan raggaaisame. Namoonni barcumawwan taayitaa 21tti muudaman kun, sadarkaa barumsaa, muuxannoo hojii fi tattaaffii hojii isaaniitiin kanneen fo’amanii dhihaatan ta’uu dubbatan, Obbo Hayile-maariyaam Dessaalenyi.

Hoogganoonni dhaabota mormituu, akka Dr. Mararaa Guddinaa faa immoo, “kun gaaffii bu’uraa uummatni gaafate deebisuu wajjiin hidhata tokko illee hin qabu” jedhu. Ogeessi seeraa, Dr. Tseggaayee Araarsaas, motummaan gaaffii uummatni dhiheessaa ture akka ofii isaa fedhetti bocee dubbatee, “sanaaf deebii kennaan jira” jechuun aangawoota jijjiiraa jira, jedha. Furmaata dhugaa fiduun yoo barbaadame, gaaffii uummataa gara ofii fedhanitttio jijjiiruu otuu hin taane, gaaffii uummataa akka jirutti iddoo kennaniifii deebii kennuu yaaluu akka tahe illee dubbata.

Kana cuqaasuun guutummaa qophii kanaa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG