Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Aanaa Jimmaa Gannatii, Magaalaa Haratoo Keessatti Geggeessame


Faayilii - Mormii Oromiyaa
Faayilii - Mormii Oromiyaa

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Jimmaa Gannatii, magaalaa Haratoo keessatti humni ibsaa yeroo dheeraaf dhamamee turuu isaa irraa kan ka’e kaleessa hiriirri mormii geggeessame humnoota poolisiin bittimsame, jedhu jiraattonni magaalattii fi itti-gaafatamaan Koongiresa Federaalawa Oromoo, kan aanichaa Obbo Dagabaas Waaqayyoo. Akka Obbo Dagabaas jedhanitti, humni ibsaa sun eega magaalaa Haratoo keessaa bade baatii sadi’ii ol ta’ee jira. Eega sanaa naannawa waajira bulchiisa aanichaatti malee ibsaan ifee hin beeku. Jiraattonni midhaan daaksifachuuf illee gidiraa guddaa argaa jiran. “Rakkoon ummata magaalaa Haratoo, uummata aanaa Jimmaa Gannatii fi kan aanaalee ka biroo mudatee jiru ka biraan hidhaa fi hiraarsa humnoota mootummaatiin jiraattota, keessumaa dargaggoota irratti geggeessamaa jiru” kan jedhan – Obbo Dagabaas, humnoonni mootumaa sababaa ga’aa tokko malee “ati ABO dha” jedhanii nama yakkuu fi hidhuun waanuma aanaalee mara keessatti mul’ataa jiru ta’uu dubbatan.

“Hiriira kaleessa barattoonnii fi jiraattonni magaalaa karaa nagaa ba’aniif deebii qajeelaa fi nagaa kennuu mannaa humnoonni poolisii aanichaa hiriirtota reebuu fi hari’achuudhaan adda facaasan. Kanneen miidhaman hedduu dha. Kaan immoo bosonatti baqatanii haga ammaatti dhokatanii jiru,” jedhu – Obbo Dagabaas. Bulchaan aanaa Jimmaa Gannatii, Obbo Gadafaa Goshuu garuu, ibsaan gara baatii tokkoo fi torban lamaaf bade ture sababaa traansfoormeriin gubateefi. Amma garuu, mootummaan jijiiruuf deebii kennee jira. Ogeessi dhufee qorachuuf jira.” Jedhu. Kanneen hiriira geggeessanis magaalattii keessaa garee xiqqoo – godinaa tokko qofa akka ta’etti dubbatu. Poolisiin hiriirtota addaan facaase – ka jedhames ni haalan.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Hiriira Mormii Aanaa Jimmaa Gannatii, Magaalaa Haratoo Keessatti Geggeessame
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:25 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG