Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haati warraa itti aanaa prezidaantii Ameerikaa Itiyoopiyaa daawwatan


Haati warraa itti aanaa prezidaantii Ameerikaa Itiyoopiyaa daawwatan
Haati warraa itti aanaa prezidaantii Ameerikaa Itiyoopiyaa daawwatan

Dargaggoonni kun biyyaa fi ofii isaanii akka gargaaraniif daran cimanii akka hojjetan Jill Biden waamicha dabarsaniiru.

Manneen barnootaa keessan, hawaasa keessa jiraattan keessatti akkasumas biyya keessaniif jijjiirama fiduu dhaaf ofii keessan qopheessuu fi dandeettii keessan madaaluu itti fufaa jedhan. Kenneen eebbifaman keessaa tokko mana barnootaa Addis Ketemaa irraa kan dhufte Wiilii Xennaa ti.

Ijoolleen barattoota sadarkaa lammataa barnoota maratti A arganne filatamnee dorgomnee turre. Embasii Ameerikaa keessatti barattoota 100 taanee dorgomnee gaaffilee hooggantummaa fi kan adda addaa gaafatamee barattoonni ga’oo jedhaman 40 filatamanii deggersa barnootaa ykn scholarship waggaa tokkoof leenjisa tenologii comptuteraa Coding jedhamu fi kan hooggantummaa fudhannee jira. Barnoota komputaeraa arganne Kanaan marsariitii qopheessuu akkasumas illee dandeenyee jirra kan jettu barattuun kun.

Dr. Jill Biden har’a waaltaa IOM kan dhaaba koolu galtoota addunyaa Finfinneetti argamu illee daawwatanii jiran. Baqattoota biyyootii hollaa Itiyoopiyaa keessa turanii gara UStti godaanan kannene kuma 30 ta’an ilaalchisee illee angawoota dhaabichaa Sanaa galateeffatanii.

Jill Biden waaltaa sana keessa kan jiraniif gara biyya isaaniitti godaanuuf qophee xururatan waliin wal arganii jiran. Ennaa isaan qophaa’aa jiranii fi waa’ee jireenya US ibsi kennamuufitti cina isaanii taa’uu dhaan seenaa isaanii dhaggeeffatanii jidru. Baqattota qubsuma Itiyoopiyaa kan IOM keessa turanii gara Ameerikaatti godaanuuf carraa argatanii eeggataa jiran keessaa lammiiwwan Ertraa fi kan somaliyaa illee haasofsiisee jira Eskinder.

Haati warraa itti aanaa prezidaantii Ameerikaa Itiyoopiyaa daawwatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:35 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG