Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan manni irratti diigameef Qubsuma kennuu qaba jedhe Paartiin MEAD


Finfinnee naanoo manni itti diggame
Finfinnee naanoo manni itti diggame

Kaleessa waaree irratti paatiin guutummaa tokkummaa Itiyoopioyaa MEAD kan Finfinneetti argamu waajjira isaa haadhoo irraa ibsi inni barreeffamaan raabse mata dureen isaa lammiiwwan manni isaan waggoota dheeraaf keessa jiraatan diigamee daandii irra buluuf dirqamuu cimsee balaaleffata jedha.

Itti aansuu dhaanis yeroo dhiyoo kutaa magaalaa Laaftoo ganda 01 keessaa manneen kuma 20 ol ta’an garee mana diigu kan mootummaan akka diigaman taasisamuu isaaf kana keessattis qabeenyaan barbadaa’uu lubbuun namaa baduu tuquu dhaan gadda itti dhaga’ame ibsee jira.

MEAD lammiiwwan qe’ee isaanii irraa buqa’an ittiin jedhe jireenya isaanii akka sirreessu mootummaan tarkaanfii adda addaa akka fudhatu gaafateera. Barreessaan paartichaa obbo Adaanee Xilaahun ibsa sana dubbisaan dhageessianiii turan.

Lubbuu bade fi qabeenyaa barbadaa’eef sababaa kanneen ta’an angawoonni aangoo mootummaa irra jiran murtiitti akka dhiyaatan. Yeroo gannaa kana lammiiwwan daandii irratti gatamaniif mootummaan hatattamaan huccuu, midhaan nyaataa, qubsumaa fi kanneen biroon guutamuufiin irra jiru akka guutu, gara fuula duraattis kutaa biyyaa qabee hanga walakkeessa biyyaa Finfinneetti uummaticha qabeenyaa isaa barbadeessuu dhaan mana isaa diiguun hojii itti gaafatamni itti hir’ate irraa akka of qusatu MEAD cimsee yaadachiisa jedhaniiru.

Obbo Alii Yusuf Yimer ka jedhaman kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo jiraataa ganda tokkoo ti jedhu. Ibsa tuuta oduuf kenname kana irratti ragaa MEAD dhiyeesse keessaa tokko. Namoota manni isaanii duraa diigame keessaa tokko ta’uu isaanii fi waggoota 20f kan keessa jiraatan ta’uu dubbatu. Haala naannoo santti uumame illee ibsaniiru.

Guyyaa sana namni angawaa qaama ol aanaa ti jedhame dhufee ni haxaa’amtu nuun jedhe. Maal nuti dikee dhaa ittiin jenne. Ijoolleen gaaffii dhiyeessan hedduun to’annaa jala oolaniiru. Ammas kan barbaadamaa jiran jiru.

Mootummaan Itiyoopiyaa uummata Eertraa addaan citee jiru illee qubsuma tolcheefii simataa jira. Nuti lammiiwwan biyyattii ittisa laga Abbayaaf gumaachinu irratti mootummaan keenya attamiin kana nu irratti raawwata? Ennaa jennu qubsuma isinii kenninaa utuu hin taane deebiin arganne ni haxaa’amtuu jechuu dhaan mana nu irratti diigan.

Lammiiwwan manni irratti diigameef Qubsuma kennuu qaba jedhe Paartiin MEAD
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:11 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG