Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’insa Harargee Bahaa, Magaalaa Awwadaay Keessaa Ka’een Namoota Ja’a tu Ajjeesame, Jedhu Jiraattonni. Hospitaalli Immoo Du’a Namoota Afurii Mirkaneesse


Awwadaay, Oromiyaa
Awwadaay, Oromiyaa

Godinaa Harargee Bahaa magalaa Awadaay keesssatti har’a suqiin bilbila harkaa ykn Moobaayiilaa itti gurguramuu fi suqiin Firaashii itti gurguran ennaa gubatetti jiraattonni magaalatti dhaamsuuf carraaqqiin godhan ituu hin milkaa’iin hafe.Sana booda aangawoota DH.D.U.O naannoo sana dhaabataa turan gargaarsa gaafanne iyyu nutti kolfuu bira taree birmannaan godhan waan hin jirreef mufannaadhaan”isin duruu nuuf hin dhaabanne” jechuun waan wacneef bilbilaan waraana nutti waaman, jedhu - jiraattonni.

Jalqaba kan dhaqqabe polisii Oromiyaa ti, san boodas polisiin Federaalaa waraana biyyaa dursee dhaqqabe kan jedhan jiraattonni kun, kanuma giddutti dura ta’aa araddaa 02 kan ta’an Obbo Abdii Idriis dhukaasuun mucaa durbaa umriin waggaa 7 dabalatee namoota 3 ajjeesan, jedhu. Miseensa waraana biyyatti kan ta’e Mohammed Abbaa Qaasim dhalataa naannoo Malkaa Bal’oo yoo ta’u innis nama 3 ajjese jedhan jiraattonni.Kana booda jiraattonni magaalaa fi baadiyyaa yaa’anii dhufuun inni nama keenya ajjesee du’uu qaba jennaan kokolaataa waraanaan milqsanii baasan jedhu.

Ajjechaa magaalaa Awadaay keessatti gaggeeffame kana kan ilaaleen aangawoota bulchiinsaa fi itti gaafatamoota waajiira polisii kan sadarkaa adda addaa arguuf bilbila harka isaanii irratti yaaliin goone hin milkoofne. Garuu, Hospitaalli Haramaayaa ibsa nuuf kenneen ijoolleeen 4 rasaasaan rukutamanii du’uu kanneen biroon 3 immoo mada’anii wal’ansa argataa ka jiran ta’uu mirkaneesse.Gama kaaniin jiraattonni akka jedhanitti hunduu gara Hospitaala Haramaayaatti waan hin geeffamniif jecha lakkoofsi namoota ajjefamanii kana caaluu isaaf shakkii hin qabnu jedhu.

Gabaasaa guutuu armaa gaditti caqasaa.

Walitti-bu’insa Harargee Bahaa, Magaalaa Awwadaay Keessaa Ka’een Namoota Ja’a tu Ajjeesame, Jedhu Jiraattonni. Hospitaalli Immoo Du’a Namoota Afurii Mirkaneess
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:15 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG