Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jawaar Mohammed: Mootummaan Gaaffii Dhiheessineef Deebii Gahaa Kennuu Yoo Dide Tarikaanfii Itti-aanee Fudhannuun Kasaaraa Isa Mudatuuf Itti Gaatamaan Isuma


Jawaar Mohaammed
Jawaar Mohaammed

Qormaatni biyyoolessaa Itiyoophiyaa hatamuu isaatii fi qormaatawwan barnoota lamaa fi baasiileen isaanii miidiyaalee hawaasummaan facaasamuu isaa irraa kan ka’e haqamuu isaa fi yeroon qoramaataa haaraan, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Waxabajjii 27 haga 30tti akka kennamju beellamni biraan kennamuu, Ministarri barnootaa Itiyoophiyaa ibsa kenneen beeksisee jira.

Qormaatni sun akka baasamee facaasamu ka taasisame, mormii barattootaa baatiilee ja’aaf Oromiyaa keessatti geggeessameen wal-qabatee, barattoonni sirnaan barattootaa isaanii hordofuu fi qormaatichaaf qophii gahaa gochuuf yeroo fi deggersa gahaa waan hin argatiiniifi – kanneen jedhan, geggeessitoonnii fi deggertoonni mormii Oromiyaa keessaa immoo, beellamni lammataa mootummaan kenne kunis waan iyyannaa barattootaa fi warra barattootaaf deebii kenne akka hin ta’iin hubachiisan. Kanneen mormii kana dhiheessan keessaa tokko, kan hoogganoota mormii Oromiyaa irraa dhaamsa fudhachuudhaan, gaaffii qabxiilee ja’a of-keessaa qabu Mootummaa Itiyoophiyaaf dhiheesse – Direktora Ol’aanaa OMN – Jawaar Mohaammedi.

“Xalayaan amma ministara barnootaa, Obbo Shifarraaw Shigguxeef dhihaate, barattootaa fi warra isaanii irraa yaada gaafachuun, ogeessota barnootaa caasaa mootummichaa keessaa hojjetan haasofsiisuun, akkasumas, ogeeyyii yunivarsitiilee dubbisuun waan ta’eef mootummaan deebii qajeelaa kenna jennee abdanna. Ta’uudhaa baannaan garuu, tarkaanfii itti-aabee fudhatamuun miidhaa dhaqqabuuf mootummaa Itiyoophiyaa tu itti gaafatama.” Jedha, Jawaar. Dhimma kana irratti yaada ministarri barnootaa qabu hubachuuf, dubbi-himaa ministara barnootaa Itiyoophiyaa fi daarektara Daarektoreetii Komunikeeshinii ministrichaa, Obbo Ahmedsiraaj Misbahus haasofsiisnee jirraa, sagantaa keenya boorii keessatti dhiheessina.

Gaaffii fi deebii Jawaar waliin geggeessine guutummaa isaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:04 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG