Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tarkaanfii Humnaa Mootummaan Oromiyaa Keessatti Fudhateef Kan Gaafatame hin Jiru: Gamtaa Medirek


Faayilii - MEDREK, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa, keessumaa, mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamuu fi tarkaanfii mootumman fudhate ilaalchisuudhaan tuta gaazzexeessotaaf har’a ibsa kennee
Faayilii - MEDREK, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa, keessumaa, mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamuu fi tarkaanfii mootumman fudhate ilaalchisuudhaan tuta gaazzexeessotaaf har’a ibsa kennee

Gamtaan mormitootaa Medrek xumura torban darbee kan geggeessee fi bulchiinsa isaa kan itti filate gumiin walii galaa sochii Oromiyaa booda isa jalqabaa ture.

Gumiin walii galaa 12ffaan kun haala biyyattii keessaa fi sochii dhaabichaa ilaalchisee marii bal’aa kan geggeesse ta’uu ibsi ejjennoo dhuma irratti ba’e beeksisee jira.

Qabxii ka’an keessaa tokko yeroo sochii Oromiyaa keessaa tarkaanfii humnaa mootummaan fudhate ta’uun ibsameera. Itti aanaa dura taa’aa fi itti gaafatamaa sab quunnamtii uummataa ta’uun kan filataman obbo Gebruu G/Maariyaamiin ibsi dubbisames tarkaanfii humnaa kana kan balaaleffatu ture.

Waggaa kana keessa Oromiyaa keessatti kan ka’e sochii mormii irraan kan ka’e uummata nagaa irratti kan fudhatame tarkaanfiin humnaa kan seeraan alaa dhabamuu lubbuu lammiiwwan 300f sababaa ta’ee jira.

Kana males lammiiwwan kuma hedduutti laka’aman jamaan qabamanii hidhamuun dararamaa jiru. Miseensonni MEDEREK kuma hedduu ta’anis walitti qabaan hidhamanii hiraarfamaa jiru.

Kunis bulchiinsa gaarii hin taane kan paartiin biyya bulchu itti amaneen kan fudhatame tarkaanfii humnaa waan ta’eef cimsinee balaaleffanna jedhan.

Ajjeechaan Oromiyaa keessatti raawwatame kun qaama walabaan akka qoratamu mormitoonni irra deedeebi’uun gaafataa turan. Mootummaanis kana kan deggeruuf kunis ta’uu kan qabu waaltaa biyyattii keessa jiru komiishina mirga namaan ta’uun akka irra jiraatu beeksisee jira. Komiishinera kan ta’an Dr. Addisuu G/Igzaaber hojiin qorannaa sun xumuramaa kan jiru ta’uu ta’uu beeksisanii turan. Irra deebi’uun dura taa’aa Medrek ta’uun kan filataman Profesor Beyene Peexroos akka jedhanitti garuu dhimmi isaa waliin dha’amee bira darbamuu barabaada.

Tarkaanfii Humnaa Mootummaan Oromiyaa Keessatti Fudhateef kan gaafatame hin jiru: Gamtaa Medirek
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:16 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG