Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii ‘Liyuu Poolisi’ Oromiyaa gama Kibbaatti nama shan fixee sagal madeesse bulchiinsii naannoo rakkoo tana ya oli-iyyanne jedha


Kaartaa Oromiyaa
Kaartaa Oromiyaa
Liyuu Poolisi olloota Booranaa lolee nama shanii fixee sagal madeesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:01 0:00

Waraanii Liyuu Polisi daangaa Somaaleeti dhufee olloota Booranaa godina Guji keessa jiran lolee nama shan fixee nama 10 dhiyaatu mammadeesse. Waraanii kun jaarsa biyyaatii fi hidhataa gandaallee fuudhee godina ufiitti dabarfate ganna ganan shanii fi ganna torba itti mure.

Akka jiraattotii jedhanitti waraanii kun qaraa gaalaa fi loon olloota Booranaa hadheesaa fi qoraatti keessaa fudhate eegee abbaa horii irraa bade barbaadachuu deemu,jaarsa biyyaa Kanaa Diidaatii fi milishaa Abbaaqoree Duubaa seera malee qabee godina Godeetti dabarsee balleessaa itti mure hidhaa ganna shaniiti fi ganna torbaa itti mure.

Jarii kun duruu daarii Oromiyaa seenee ollootaa hadheessaa fi qoratti keessatti nama ijjeessee mootummaan naannoolleen dhufee mirkansee jedhan.

Achii ammoo lafa ollootii Booranaa qubatan Daalunta,Qaxxee arba Boruu, Malkaa Buruuri Dhungoo fi Odaa Diimaa achitti nama afur fixxe.

Akka jiraattotii jedhanitti waraanii Liyuu Poolisi kun hidhannoo fi warayaa waranaa Soomalee qaba.

Godina Gujiitti bulchaan aanaa Gumii Eldalloo,obboo Saafayii Bariisoo akkan jedha.

“Dhufanii nananoo teennatti nama ijjeesanii.Haga ammaa namii keenna haga shanii du’eera.Mekkelaakeyaalleen jidduu seenee jira.Kanaa Duubaa gaala isaa jalaa fuudhanii barbaadahuu deemee jennana hidhanii.Akka innii gadi lakkifamu gaafannee gadi dhiisuu hin dandeennee.Warrii godinaatii fi warrii Mekkelaakkeyaalleen gadi dhiisaa jedhee didan.”

Akka jecha obboo Saafayiitti namii madaahe haga ammaati sagal madaahee hospitalaa Nageellee Booranaatti akimachuutti jiran.

Mootummaan naannoo lamaanii wal gaafatee laftii nagaa taate jedha obboo Saafayiin taatullee warrii nu dubbisne waraanii Liyuu Poolisi ammallee daangaa Oromiyaa gama Booranaatii fi Gujiitiin humna itti guurrachuutti jiraa jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG