Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atleet Fayyisaa Lellisaa fi Mormitoonni Siyaasaa Haala Itoophiyaa Yeroo Ammaa Irratti Gamtaa Awroopaaf Ibsa Kennan


Hiriirri mormii Oromiyaa keessaa mootummaa Itiyoopiyaa irratti erga jalqabamee waggaa tokko guute. Gosa guddicha Oromoo dhaaf ittiin ka’umsa mormii kan ta’e fedhiin isaa gama walabummaa siyaasaa fi dinagdee hunda hirmaachiseen guuteeraafii? Martha van der wolf Brussels bakka qabsaa’onni mormitootaa torban kana paarlaamaa Awrooppaaf ibsa kennan irraa gabaastee jirti.

Atleet Fayisaa leellisaa kanneen hiriira mormii biyya isaa Oromiyaa Ethiopia keessaa deggeru keessaa isa duraa ti. Fayisaan ennaa maaaraatonii addunyaa waggaa kana Riyootti geggeessame badhaasa meedaalii kan argate ennaa ta’u ennaa inni mallattoo mormii lammiiwwan isaa cina dhaabachuu mul’isu harka isaa wal qaxxaamursee fiigicha isaa xumuretti qalbii addunyaa hawate.

Kan biyya ofiitti deebi’uuf sodaa qabu Fayisaan momiin sun jalqabamee waggaa tokko booda miseensota paarlaamaa Awrooppaaf ibsa kennee jira.

Hooggana garee mormituu Ginboot 7 Biraanuu Naggaas paarlaamaa Awrooppaatti argamaniiru.

Hookkara Jiru Dhaabuu Yoo Barbaade Mootummaan Mormitoota Isaa Waliin Dubbachuu Qaba: Taajjabdoota
Hookkara Jiru Dhaabuu Yoo Barbaade Mootummaan Mormitoota Isaa Waliin Dubbachuu Qaba: Taajjabdoota

Mormiin Oromiyaa keessaa kan jalqabame Sadaasa 12 bara 2015 magaalaa Gincii keessatti ture. Barattootaa fi qonnaan bultootatu mastar plaanii Finfinnee mormuu dhaan eegalan.

Mormiin sunis gara kutaalee biyyattii maratti babal’atee gaaffiin isaa saamicha lafaa qofaa utuu hin taane walabummaa dinagdee kan siyaasaa fi misoomaa dhabamuu isaa irratti fuuleffate.

Lammiiwwan Oromoo dhibbaan laka’aman ni dhuman. Kanneen kumaan laka’aman mana hidhaatti darbaman. Hoogganaan garee mormituu Mulaatuu Gammachuu kongresii Federaalawaa Oromoo irraa akka jedhanitti jijjiirraan kaabinee taasisamu iyyuu furmaati waarinsa qabu amma iyyuu fagoo jira jedhan.

Gareen mirga namaa Amnestii Internashinaal torban kana akka gabaasetti tarkaanfiin naga eegumsaa dhiyaanya fudhatame dhimmootii barbaachisoo ta’an akka dhokatan taasise. Kun immoo mormii ka biroo kaasisuuf yeroo eeggata jedhee jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffachuuf kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG