Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ka moo’ame harqee galee, ka moo’ee qiliixamaa dorgommiif qophii jira,Waancaa AFCON 2017f Masrii fi Kaameruuti walti falachuutti jira


Garee Masrii AFCON 2017
Garee Masrii AFCON 2017

Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afirkaa,AFCON 2017 korommii lamatti walti hafe;Masrii fi Kaameruun iftaan waliin taphatan.Jarii lachuu jabeennaa fi qarooma kubbaa miila isaanii iftaa Gurrandhalaa 5,2017 gumi kuma dhibba dhibba hedduu durattu wayaa keessaa yaahee dirree Gaabon keessatti wal agarsiisfata.Tapha kana istaadiyoomii Stade De I'Amitie keessatti akka sagatana isaaniitti 19UTC irratti jalqaban.Saatii biyya jirataniitti jijjiiradhaa laalaa.

Masrii fi Kaameruun
Masrii fi Kaameruun

Jarii kun bara 2008 irralleetti akkanuma dorgommii Gaanaatti taphatan irratti akkanuma walti maree Masrin 1-0 moote.Gaanaan gaafasillee sadeessoo taate.

Burkina Faso v Cameroon - Stade de l'Amitie - Libreville, Gabon, Jan. 14, 2017.
Burkina Faso v Cameroon - Stade de l'Amitie - Libreville, Gabon, Jan. 14, 2017.

​Kaameruun barana ijoollee kialbii EPL keessa taphatan ka akka Arnaud Djoum fi Clinton N'Jie guurrattee dhufte.

Masriin ammo EPL keessaa nama sadiin dhufatte;AhmedElmohamady (Hull) Mohamed Elneny (Arsenal) fi Ramadan Sobhi (Stoke), kana qofaa mitii taphataan kubbaa miilaa Chelsii ka durii Mohamed Salah fa.

Masriin tana waliin marroo 9 dorgommii akkanaa tana biyya lamaan walti hafan keessaa tokko taate.

Namichii goolii isii eegu,Essam El Hadary nama ganna 40ti. Goolii adabii lama qabeef barana.Baranallee badhaafamuu hin oolu.Qara bara 1998 keessa badhaafame

Leenjisaan Kaameruun Hugo Broos gareen teenna “ijoolleen teenna ta ajaahibaatii waancaa ufiin seena,”jedha.

Dorgommii waancaa Afrikaa dorgommi ganna lama lamatti taphatan. Dorgommiin tun amma ta 31essoo torbaan lamaan duratti jalqabii ammalle Gaabonitti itti jiran Gurrandhalaa 5, 2017,torbaanuma kana dhumatti.Biyya 16 jalqabee lamatti waancaaf walti hafe.

Dorgommii Waancaa Afrikaa 2017
Dorgommii Waancaa Afrikaa 2017

Ka moohame haraqaa kesaa galee ka moo’e ammoo qiliixamaa, gammachun dorgommi itti aaantuu kurfoo jira.Gaanaa,biyyitii taphattoota jajbjaaoo qabaachuu beekamtu hardhallee hin taaneefii dheebuu ganna 35n galatte.Bara 2015 Ayvori Koostiin waancaaf walti martee moohamte.

Bara kurnya hedduutii asitti waancaa hin moone taatullee sadrkaa sadeessootiif bori tapahtti bara

Masrii fi Kaameruun ammallee akkuma bara 2008 waancaa Afrikaatiif walti maran.Bara sun Masriitti 1-0 moo’e.

  • Masriin ganna 7 waancaa Afrikaa mootee Afirkaa keessa tokkeessoo jirtii.
  • Kaameruunii fi Gaanaan marroo afur afur moohan.
  • AFCON 2017 irratti Masriin marroo shan tapahttee sadii mootee lama wal qixxee baate
  • Kaameruun marroo shan taphattee marroo lama moote
  • Sadarkaa FIFAn baaseen Masriin dandeeti kubba miilaatiin 35essoo
  • Kaameruun ammoo 62essoo jirti.
  • Tapha AFCON 2017 irratti ta adabbii waliin Kaameruun goolii 10 galfatte
  • Masriin goolii 8 galfatte
  • Masriin bara 2006, 2008 fi 2010 waluma gula moote, Kaameruun 2000 fi 2002 moote.
  • Kaameruun barana asi geettii jedhee namii hedduun hin eenne.
  • Garee Kaameruun
    Garee Kaameruun
    ​Taphattootii Kaameruun mootummaan isaanii waadaa silaa taphattoota horii dabaluuf gale hin guunneefi jedhee leenjiillee didanii hagii tokko taphaayyuu dhiissan.

Taphatootii kilabii Awurooppaa keessaa jiran ka akka, Joel Matip, Eric Choupo-Moting, fi Allan Nyom faatii warra biyya tana fulaa bu’ee dorgommii AFCON tanaaf dhufuu dide.

Gaanaa fi Kaameruun
Gaanaa fi Kaameruun

​Bori Gaanaa fi Burkiinaa Faasootit taphataa iftaan ammoo Masrii fi Kaameruunitti waancaaf tapahta.AFCON 2019 ganna lamaan duubaa ammoo Kaameruunitti qopheessa.

Waancaa baranaa eennutti moo'ee mootummaan galata seetan?Me waan jettan jedha.

Gama kaaniin ammoo dorogommiin Amerikaatti beekamtu dorgommii kubbbaa harkaa miilaa Amerikaan football jedhan.Baranallee garee hedduutti waliin taphachaa bahee amma garee lamatti Super Bowl 51f walti hafe.Super Bowl jechuun waancaa kubbaa harkaa fi miilaa Amerikaa jechuu dandeenna.

Patriots Falcons Super Bowl Football
Patriots Falcons Super Bowl Football

Amma garee New England (Patriots) fi garee Atlaantaa (Falcons) ti walti hafe. Jarii ammoo Gurrandhalaa 5,2017 istaadiyoomi NRG godina Teksas magaalaa Husten jiru keesastti taphata.

Dorgommiin tun ta namii miliyoona dhibba hedduu daawwatu.Beeksisii yeroo boqonnaa dorgommii tana irratti himamu sekondii 30ti doolara biliyoona 5.02ti.

XS
SM
MD
LG