Xurree ittiin seenan

Breaking News

Imaltoonni Waashington Irraa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatiin gara Finfinneetti Deebisaman Eessa Ga’an?


Imaltoonni Waashington Irraa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatiin gara Finfinneetti Deebisaman Eessa Ga’an?
Imaltoonni Waashington Irraa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatiin gara Finfinneetti Deebisaman Eessa Ga’an?

Ajaja hoogganaa ol’aanaa, kan uggura imalaa Prezidaantii Yunaayitid Isteets – Doonaald Traampiin labsame irraa kan ka’e, imaltoonni Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa karaatti deebisaman – lakkoobsaan xiqqoo tahuu dubbatu – hoogganaan Daandii Qilleensichaa.

Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatti, hoji geggeessaan damee Ameerikaa Kaabaa – Obbo Nigusuu Warquu, raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, ajajni uggura imalaa Yunaayitid Isteets irraa akkauma bahetti, hooggoota Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Finfinnee jiran waliin dubbachuudhaan, rakkoo imaltoota irra gahu hanqisuudhaaf battaluma tarkaanfii fudhachuu isaanii dubbatan. “Imaltoonni otuu bakka jiran irraa hin ka’iin akka imala hin jalqabne taasisnee jirra” – ka jedhan – Obbo Nugusuu Wa rquu, yeroo uggurri labsametti kanneen imala jalqabanii turan immoo gara bakka irraa dhufaniitti deebisuu isaanii dubbatu

Imaltooni karaatti deebisamuun kun, hojii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa fi galii isaa irratti dhiibbaa qabaate yoo tahe gaafatanii ennaa deebisan, “walumaa-galatti, imaltuu tokko yokaan lama irra ennaa uggurri imalaa kaayamu dhiibaa mataa isaa qabaata. Garuu, biyyoota uggurri imalaa irra kaayame toorba keessaa, gara shanii faa keessaa imaltoota hin qabnu, dhiibbaan isaa hagana guddaa miti. Iaan iyyuu taanaan, ennaa uggurri sun kaasamu deebi’anii imaluu danda’an” – jedhan – Obbo Nigusuu Warquu. Dhaabbatoonni imala qilleensaa hedduun, namoonni imalli isaanii jalaa uggurame akka tikeetni isaanii jalaa hin gubanne godhanii jiran. Namoonni sun, yeroo fedhetti, yeroo ehama argatan akka ittiin imaluu danda’an taasisan. Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaas akkanuma gochuu isaa – Obbo Nigusuun ibsanii jiran.

Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG