Xurree ittiin seenan

Keeniyaan Filannoo Hagayya Geggeessamuuf Qophaahaa Jirti

  • VOA

Keeniyaan Filannoo Hagayyaa Geggeessamuuf Qophaahaa Jirti

Keeniyaan, filannoo baatii Hagayyaa geggeessamuuf jiru dursitee, dhaabbata walabaatiin maqaa lammiwwan filachuuf galmeessamanii qorachiisaa jirti.

Jalqaba waggaa kanaa irra, yeroo qaamni filannoo biyyattii lammiwwan Keeniyaa sagalee kennan galmeessuu irratti hojjetaa ture, baatii tokko keessatti lammiwwan biyyattii miliyoona ja’a tu galmeessame. Paartiileen polotikaa, lammiwwan biyyattii miliyoona kudhan galmeessuuf kaayyoo lafa kaayyatatan.

Tahus, galii kana dhaqqabuu hin dandeenye. Kan haga ammaatti galmeessame miliyoona sadii fi kuma dhibba toorba ta’uu agarsiisa – galmeen jiru.

Waajira Lakkoobsa Uummataa Biyyoolessaa, ka Keeniyaaf itti-gaafatamaa ka ta’an – Samwel Ogola, “namoonni yeroo baay’ee lakkoobsa namoota naannawa ta’e jiraatanii ol kaasanii dubbatu” – jechuun ibsan.

Galiin yaadame dhaqqabuu hanqachuun waanuma dhala namaa irraa mul’atu. Ati jettee, lakkii saddeetii jedhamee yoo sitti himame, ‘kun sirrii miti’ waan jedhu sitti dhga’amuu mala. Kunis dhala-namaa irraa mul’atu. Garuu, soba irratti otuu hin taane, ragaalee fi lakkoobsa qabatamaa irratti akka hundaa’uu qabnu irra-deebi’een dubbadha, jedhu.

Bara 2013 fi bara 2017 giddutti lakkoobsi lammiwwan Keeniyaa filannoof galmeessamanii miyoona shanii fi kuma dhibba sadi’iin ol guddate. Lakkoobsi kun amma miliyoona 19 fi kuma dhibba ja’a irra gahee dhaabate. Kun, uummata biyyattii walumaa-galatti miliyoona 45 ta’u irraa gara walakkaa jechuu dha. Jaarmaayaaleen mormituu fi taajjabdoonni siyaasaa hagi tokko waa’ee lakkoobsa kanaa shakkii qaban. Uummatni Keniyaa irra-jireessi kan umuriin isaa kudha-sadeetii gadii ti – jechuun – ka filannoof hin ga’iin jechuu dha.

Kanaaf jecha, Koomishinni Walabaa, ka Filannoo fi Dhimma daangaalee, akka dhaabbatni walabaa sadarkaa Addunyaa “KPMG” jedhamu, galmee sana irra deebi’ee qoratu ramadee jira. Dhaabbatni qorannaa kun, kaardiilee eenyummaa fi paaspoortiilee dhiheenya lammiwwaniif kennaman dabalee - maddeen adda addaatti gargaaramuudhaan, maqawwan filannoof galmeessaman kan irra-deebi’ee ilaalaa jiru ta’uu beeksisanii jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG