Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Yaalii Nukeleraa Geggeessuu Malti Jedhu Kanneen Taajjaban


Kooriyaan Kaabaa Yaalii Nukeleraa Geggeessuu Malti Jedhu Kanneen Taajjaban
Kooriyaan Kaabaa Yaalii Nukeleraa Geggeessuu Malti Jedhu Kanneen Taajjaban

Koriyaan Kaabaa waggaa 85ffaa waraanni isaa itti hundeeffame har’a shaakala yoo ibiddi ka’e ittiin jalaa miliqan agarsiisuu dhaan magaalaa andaara galaana gama bahaa Wonsan keesatti kabajju ishee ministriin ittisaa kooriyaa kaabaa beeksisee jira.

Kanneen taajjaban hangi tokko biyyattiin meeshaa nukleraa hidhattee jirtu kun yaadannoo kana yaalii nukleraa ja’affaa yaaluu dhaan kabajji jedhanii eegu, haa ta’u malee kun hin ta’in jira.

Ayyaaneffaan kun kan dhaga’ame doonii nuklera baattu kan bishaan jala deemu kooriyaa kaabaa ennaa seentetti. Humnoonni galaana biyyoota lamaanii shaakala waraanaa bishaan odola koriyaa gama dhiyaa irratti geggeessuuf Japan waliin wal ga’anii jiran.

Shaakalli humnootii galaanaa kun hanga roobii boriitti itti fufa. Guyyaa kanas prezidaanti Doonaald Traamp Senaatoroota US mara White Housetti afferuu dhaan waa’ee kooriyaa kaabaa ilaalchisee ibsa icciti kennannuuf jiranitti.

XS
SM
MD
LG