Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Somaaliyaa Buufati Xayyaara keenyaa Amansiisa Dha Jedhu


map of somalia
map of somalia

United Statesii fi Briteen baatii darbe daandiiwwan balalii giddu galeessa bahaa irraa laaptaappiin fi komputeroota xayyaara sensisuu dhorkanii turan. Angawoonnis nageenya daandii balaliif yaadda’uu akka fakkeenyaattis keessumaa haleellaa Fulbaana bara 2016 namni haleellaa raawwatu balalii daandii balalii Somaaliyaa Daallo irratti boombii Laaptooppii keessatti kiyyeesseen ofii isaa ajjeese tuqan.

Mootummaan Somaaliyaas tarkaanfii addaa nageenya buufata xayyaara Moqadishoo ilaalchisee kan fudhate yoo ta’u karoora kan akka US fi Briteen fakkeenya godhachuu dhaan meeshaalee elektrooniksii xayyaara akka hin seenne dhorkuu hin qabu.

Brgaadeer Jeneraal abdi Ashkir Jimaa hoji geggeessaa walii galaa kan buufata Xayyaara Moqadishoo Aden Adde hojjettoonni isaanii caasaa naga eegumsaa cimaa keellaa sana keessatti tolchuu isaanii VOA sagantaa Afaan Somaaleef ibanii jiran.

Namni kam iyyuu kan buufata xayyaara Sanaa seenuu fi ba’u sakatta’a jala kan darbuuf meeshaa ittiin sakatta’an sadii jala kan darbu, saree boombii suuftee adda baastutti kan gargaaramanii fi namni laap Taappii baatu banaa akka taasisu godhanii jiran jedhan.

Balalii sadarkaa addunyaa kan akka Turkii immoo karaa ittiin ol seenan kan sakatta’I addaa itti geggeessamu tolfamee jira jedhan.

Balaliin biyyattii irraa ba’u amansiisaa ta’uu isaa ibsanii yoo teknooloojii ammayyaa daran wal xaxaa ta’ee kan waa’ee dhuka’aa nuti hin beekne qofaa yoo ta’e irraan kan hafe nuti dhuka’aa karaa balalii keenyaa hin deddeebisnu jedhan.

Daandii balalii Daalloo irratti haleellaa boombii dhaqqabeef al-Shabaabtu itti gaafatama fudhate.

XS
SM
MD
LG