Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afgaanistaanitti Haleellaa Maadhee Hidhattoota Islaamik Isteet Irratti Geggeeffameen Loltoonni Isaa lama Ajjeefamu Ministirri ittisa Yunaaytid Isteets Ibse

Ministiriin Ittisaa Yunaayitid Isteets, Pentaagon, Afgaanistaan gama Bahaa keessatti haleellaa maadhee guddaa hidhattoota Islaamik Isteet irratti geggeessame keessatti loltoonni isaa lama ajjeesamanii, tokko immo madaa’uu beeksisee jira.

Ibsi Humna waraanaa Yunaayitid Isteets irraa bahe akka jedhutti, loltoonni sun, kaleessa galgala humnoota naga-eegumsaa Afgaanistaan waliin haleellaatti yeroo bobba’anitti ajjeesaman.

“Jara ISIS-K jedhamutti duuluun Addunyaaf barbaachisaa dha. Garuu, kan nama gaddisiisu waraansi kun wareegama malee geggeessamuu dhabuu isaa ti” – jedhu – humna waraanaa Yunaayitid Isteets, kan Afgaanistaan keessaaf ajajaa ka ta’an – Joon W. Nikolsen.

Jalqaba baatii kanaa irratti, xayyaarri waraanaa Yunaayitid Isteets, maadhee hidhatoota fiinxaaleyyii Islaamaa, kan Nangar-haar irrattti boombii baay’ee guddaa darbatanii jiran.

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate hidhattoonni fiinxaaleyyii 92 ajjeesamuu dubbatu - Qondaalonni.

XS
SM
MD
LG