Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walabummaan Presii Addunyaa Gad Deebi’e: Doctors Without Borders


Walabummaan Presii Addunyaa Gad Deebi’e: Doctors Without Borders
Walabummaan Presii Addunyaa Gad Deebi’e: Doctors Without Borders

Bara 2009 seerri farra shororkeesummaa Itiyoopiyaa erga ba’ee qabee tooftaa dhaan gaazexeessotatti duuulee jira. Himannaan Kanaan wal qabate waggoota dheeraa hidhaan adabsiisuu fi angawoonni gaazexeessorta irratti himannaan utuu hin dhiyaatin yeroo dheeraaf to’annaa jala akka tursan eeyamaaf. Bara 2014 erga gaazexaaleen ja’aa fi gaazexeessonni 30 ta’an biyyaa baqatanii qabee fooyya’inni argame hagas miti.

Bara 2016 kan labsamee fi hanga yoonaa hojii irra oolee kan jiru labsiin yeroo hatattamaas lammiiwwan Itioopiyaa caasaalee sabaa himaa adda addaa akka hin hordonfe ugguree jira. Sabaa himaa ukkaamsuuf, jechaan doorsisuu, namoota hidhuun amma iyyuu itti fufee jira.

Gaazexeessota hidhaa keessa jiran keessaa Eskinder Nega waaltaa sabaa himaa addunyaan kan qophaa’e badhaasa goota walabummaa miidiyaa jedhu badhaafamee jira. Haati warraa gaazexeessaa Iskinder Nega gaazexeessituu Serkaalem Faasil baatii Guraandhalaa keessa waa’ee abbaa warraa ishee VOAf akka ibsitetti kan dhaqee daawwatu nama xiqqoo dha jetti.

Norway, Sweden, Finland, Denmark fi Netherlands biyyoota walabummaa gaazexeessotaa ilaalchisee bakka ol aanaa irra jirani. Kanneen akkaan gad deebi’an immoo Saud Arabia, Itiyoophiyaa, Maldives fi Uzbekistani.

Gabaasi gaee kanaa presidentiin US Donald Traamp erga filatamanii qabee sabaa himaa irratti fuuleffachuu dhaan oduun isaanii kijiba ittin jedhu. US toora gareen kun ka’e irraa 43ffaa irra jirti. Birteen immoo toora 40ffaa irrajirti.

Gara dhumaa irra kan jiran immoo kooriyaa kaabaa, Ertraa, Turkmenistan, Syria fi China dha. Erga bara 2016 qabee fooya’ina kan argamsiisan immoo Laos, fi Pakitan ta’uun ibsamee jira.

Gabbaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Walabummaan Presii Addunyaa Gad Deebi’e: Doctors Without Borders
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:41 0:00

XS
SM
MD
LG