Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa fi Dhaabbatni Misoomaa, ka Tokkummaa Mootummootaa Dhimma Mirga Namoomaa fi Dimookiraasii Irratti Marii Geggeessan


Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayile Maariyaam Dassaalenyi
Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayile Maariyaam Dassaalenyi

Haalli qabinsa mirga dhala-namaa Itiyoophiyaa fi sirni dimookiraasummaa ishee ka ce’insa irra jiru waan ta’eef kan hanqina qabu ta’uu, Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Hayile-maariyaam Dessaalenyi beeksisanii jiran.

Mirgawwan dinagdee fi hawaasummaa kabajchiisuudhaan biyyattiin ba’ii galatoomfachiisu galmeessisuu ishee immoo, dhaabbata sadarkaa Addunyaatti, bakka-buutuun dhimma Itiyoophiyaa tokko hubachiisanii jiran.

Kaleessa, magaalaa Finfinneetti kan argamu, waaltaa walga’ii ka Tokkummaa Mootummootaatti ka baname - marii labsa boqonnaa raawwii, kan hojii mirga namoomaa biyyoolessaa 2ffaa irratti kana dubbatan.

Akka jecha muummicha-ministaraa Hayile-maariyaam Dessaalenyitti, mootummaan galmee boqonnaa raawwii, kan hojii mirga namoomaa fi dimookiraasii kan qopheesse akkaataadhuma hojii baratame waan ta’eef yokaan qalbii jarmayaalee gargaarsaa hawachuuf miti.

“Galmeen sun kan qophaa’e galmeen dhimmootii mirga namaa fi dimokraasii jiraachuu biyyattiif bu’ura ta’uu isaanii sirritti hubachuudhaan simatanii itti amanuudhaani” jedhan.

Waa’ee sadarkaa qabiyyee mirga namaa fi sirna dimokraasii mootummaa isaanii ilaalchisee ennaa dubbbatanis, “Akkaataan qabiinsa mirga namaaf adeemsi dimokraasii keenyaa guddataa kan jiruu fi yeroo ce’umsaa irra kan jiru waan ta’eef, humnoonni misoomaa fi nageenya kana hin barbaanne sadarkaa itti dubbatanitti ta’uu baatus, hiri’ina ni qaban” jedhan.

XS
SM
MD
LG