Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xaaliyaani fi Jarman Baqattoota Ittisuudhaa Gamtaan Awuroopaa Humna Ergama Ittisaa Akka Dhaabuu Falmaa Jiran


Baqatoota Baha Afrikaatii ka'anii Xaaliyaanii gahan
Baqatoota Baha Afrikaatii ka'anii Xaaliyaanii gahan

Ministaroonni Dhimma biyya keessaa Jarmanii fi Xaaliyaanii, baqattoota irra-jireessi isaanii Afrikaa ta’an akka Awurooppaa hin dhaqqabne dhaabuuf, akka gamtaan Awurooppaa humna ergama Ittisaa tokko dhaabu gaafatanii falmaa jiran.

“Baqattoota kana dhaabuuf carraaqqiin hawaasni addunyaa haga ammaatti godhe ga’aa hin taane” – ka jedhu – xalayaan – ministaroonni biyyooa lameenii Koomishina Awurooppaatti barreessan – akka gabaasaa Tokkummaa Mootummootaatti, kanneen irra jireessi isaanii biyyoota Afrikaa Uffee Sahaaraa tii gadii irraa ta’an – godaantonni kuma afurtamii sadii ta’an waggaa kana keessa qofa Awurooppaa dhaqqabuu dubbata.

Godaantonni otuu dooniileen galaana Meditiraaniyaan cehuu yaalaa jiranii bishaaniin nyaatamanii dhman gara kuma tokkoo fi dhibba lamaa ta’uu illee gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG