Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdaantiin Faransaay Haaraan Paarlaamaaf Dorgomaa Jiran


Pirezdaantiin Faransaay Haaraan Paarlaamaaf Dorgomaa Jiran
Pirezdaantiin Faransaay Haaraan Paarlaamaaf Dorgomaa Jiran

Paartiin haaraa dhaabate kan Faransaayii irraa kan ta’an prezidaantiin Faransaayii Immanuel MaKroon filannoo paarlaamaa guutummaatti injifatu jedhamee eegama.

Filannoo marsaa duraa Dilbata kaleessaa gaggeeffame akka agarsiisuutti sagalee kennamee keessaa harka 28 argatanii jiru. Kan isaan cina wal ta’uun dorgoman wal ta’an isaanii immoo sagalee kenname keessaa harka 4 waan argataniif walitti idaa’ame gumii biyyooleessaa keessatti sagalee yayyabaa akka argatan gochuuf jira.

Barcuuma paarlaamaa jiran 577 keessaa 400 caalaa injifachuu isaan dandeesiisa. Uummatti Dilbata darbee ba’uun sagalee kenne xiqqoo yoo ta’u, uummata keessaa harka 52 kan ta’n sagalee hin kenniin hafan.

Duula filannoo uummata addaan fageessee baatii darbe Makroon prezidaantii itti ta’an sanatu uummanni hedduminaan ba’e sagalee akka hin kenninee godhe jedhama.

XS
SM
MD
LG