Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoggantoonni Daldalaa Briteen Gamtaa Awuroopaatti Hidhata Cimsuu Feena Jedhan


Hoggantoonni Daldalaa Briteen Gamtaa Awuroopaatti Hidhata Cimsuu Feena Jedhan
Hoggantoonni Daldalaa Briteen Gamtaa Awuroopaatti Hidhata Cimsuu Feena Jedhan

Hogganoonni daldala kan Briteen biyyattiin gamtaa Awuroopaa keessaa ba’u irratti gaaffii qaban jabeessaa jiru. Kunis torban darbe filannoo gaggeeffameen paartiin biyyatti bulchaa jiru kan Teresaa Meey paarlaamaa keessaa sagalee yayyabaa argachuu eega dadhabee booda.

Mootummaan Briteen gamtaa Awuroopaa waliin isa duraan karoorfame ture caalaa hariiroo walitti dhiyeenya qabu akka qabaaatu fedhu.Gabaa Awuroopaa michuu keenya cimaa waan ta’eef jecha itti gargaaramuuf carraa qabaachuu qabna jedhu.

Filannoo mufannaa hordoofsisee kan kamiisa darbee Sanaa as abdiin dinagdeen biyyatti akka hamaatti kufe.Abbootiin qabeenyaas mootummaa haaraa ijaaruu fi gamtaa Awuroopaa keessaa ba’u kan ilaaleen abdii raafamaa qabu.

Haallii siyaasaa ititaan yeroo ammaa dhabamuun dhibbaa inni hogganoota daldalaa irratti qabaatu hin beekamiin jira.

XS
SM
MD
LG