Xurree ittiin seenan

Uggura Imalaa Doonaald Traamp Kaa’an Ammas Danqaatu Isa Mudate

  • VOA

Uggura Imalaa Doonaald Traamp Kaa’an Ammas Danqaatu Isa Mudate

Prezidaantiin US Doonaald Traamp uggura imalaa isaan biyyoota misliimota irra hedduu ta’an irraa Ameerikaatti akka hin imalle ajaja ol aanaa isaan dabarsan ammas mana murtii Federaalaan danqaan isa mudachuu isaa balaaleffatan.

Manni murtichaa akka jedhetti prezidaantichi ennaa Bitootessa 6 ajaja ol aanaa sana dabarsaan aangoo isanii ol darban jedhee jira.

Uggura imalaa Taamp dabarsan ennaa dura dhaabbanaan mana murtii isa mudatu inni kan San Francisco kaleessaa isa lammataa ti.

Uggurri kun Iran, Sudan, Somalia, Yemen, Sryia fi Libya irraa gamanatti akka hin imalle ajaja ol aanaa dabarsanii turan.

XS
SM
MD
LG