Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Traamp Daawwannaa Isaanii Faransaay Eegalan


Prezidaantiin US Doonaald Traamp marii farra shororkeessummaa prezidaantii Ferensaay Emmanuel Macron waliin geggessuu akkasumas ayyaana waggaa Ferensaay kan Bastille Day jedhu irratti argamuuf har’a Paarisiin seenanii jiran.

Waggaa tokko dura Traamp Paaris shorokessonni gamas waan sosso’aniif bakka akkaan hamaa ittiin jedhanii turan.

Ameerikaa walii galtee Paris haala jijjiirama qilleensaa kan bara 2015 keessaa baasuu dhaan ani Pittsburh malee Paris-n bakka hin bu’u jedhanii turan. garuu immoo afeerraa Macron simatanii ayyaana waggaa biyyattii kan walakkeessa baatii Adoolessaa irra kabajamu irratti argaman.

Prezidaanticha waliin wal arguun cinatti Traamp angawoota waraanaa US waliin laaqana qooddachuu dhaan bakka awwaalcha Napoleon Bonaparte daawwataniiru.

Dangaa biyyoota keenya lamaanii irratti mari’achuuf jirra. Yaadawwan irratti walii hin galin dabalatee kan jedhan prezidaantiin Paaris, balaa shororkeessummaa, rakkoo Siiriyaa fi Liibiyaa keessaa dabalatee ni mari’anna jedhan.

XS
SM
MD
LG