Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen Sudaan Kibbaa Wal Fincilan Lola Itti Fufan


Humnoonni mootummaa Sudaan Kibbaa waajjira haadhoo kan humnootii ripxe loltootaa itti aanaa prezidaantii biyyattii duraanii kan Riek Machar marsuu isaanii angawoonni tokkummaa mootummootaa beeksisaniiru.

Hoogganaan gurmuu tokkummaa mootummootaa kan Sudaan Kibbaa David Shearer akka jedhanitti kutaa Uper Nile keessaa siivilonni kumaan laka’aman qe’ee ofii irraa kan godaanan ennaa ta’u loltoonnis maadhee ripxe loltootaa kan magaalaa Pagak kan Kaaba gama baha biyyattii jirutti siqaa jiru.

Sherar gaazexeessota Juba keessaaf kaleessa akka ibsanitti waraana SPLA fi humnootii mormitoota SPLA-IO jedhaman gidduutti lolli hamaan geggeessamuu isaa dubbatan.

Humnootiin waraana Sudaan Kibbaa fi kan ripxe loltootaa lola sana mirkaneessaniiru.

XS
SM
MD
LG