Xurree ittiin seenan

Deemsi Marii Paartiilee Mormituu fi Paartii Mootummaa Gidduu Eeessa Gahe?

  • Namoo Daandii

Obboo Mulaatuu Gammachuu

Kanneen yeroo dheeraaf waliin dubbataa turan, paartiileen mormituu 16 fi paartiin taayitaa mootummaa harkaa qabu – IHADEG, ajandaa marii filachuu xumurachuu isaanii fi mariitti seenuuf qophii ta’uu isaanii dhiheenya kana beeksisanii turan. Gama biraatiin immoo, hopogganaan Boordii Filannoo Itiyoophiyaa, Obbo Nagggaa Duuffisaa, paarlaamaa biyyattiif ibsa kennaniin, mariin paartiilee gidduutti geggeessamu kun kan boordicha hin ilaallanne ta’uu dubbatan. Paartiileen dirqama bulchiinsaa isaan irraa eegamu guutan xiqqoo ta’uu ka dubbatan – hoogganaan boordii filannoo kun, “walitti dubbachuu fi waliin mari’achuun mirga isaanii ti. Paariileen galmaawanii jiran martinuu seera-qabeeyyii dha” jedhu. Paartiileen amma illee marii sana keessa jiran keessaa hagi tokko garuu, yaada kanatti walii hin galan. “Paartiileen ulaagaa hin guunne baay’ee tu marii sana keessa jira. Mara itti hirmaachisauun sirrii miti” jechuun morman. Ka marii kana jalqabee booda keessaa bahe – Kongiresiin Federaalawa Oromoo, deemsa marii kanaa akkamitti ilaala? Itti-aanaa dura-taa’aa paartichaa – Obbo Mulaatuu Gammachuu dubbisnee jirra.

Guutummaa gaaffii deebii kanaa caqasaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG