Xurree ittiin seenan

Breaking News

White House Raashiyaan Filannoo Ameerikaa Gidduu Seenuu Haaluu Itti Fufe


Abukaatoo lammii Raashiyaa Natalia Vesel-nits-kaya fi ilmi prezidaant Donald Trump
Abukaatoo lammii Raashiyaa Natalia Vesel-nits-kaya fi ilmi prezidaant Donald Trump

Ilmi prezidaant Donald Trump fi abukaatoon lammii Raashiyaa waggaa darbe akka wal arganiif namni haala mijesse e-mail Trumpiif ergeen akka jedhetti mootummaan Raashiyaa dula filannoo Hillary Clinton kan miidhe madda odeeffannoo ta’uu mala jechuu isaa gaazexaan New York Times kaleessa gabaasee jira.

Abukaatoo lammii Raashiyaa Natalia Vesel-nits-kaya waliin mariin baatii waxabajjii darbe agawoota duula filannoo Traamp gameeyyii waliin geggeessame kan dhaga’ame prezidaant Traamp kaadhimummaa paartii isaanii injifatanii Wikileaks immoo email Clintoniif qaanessaa ta’e baasuu erga jalqabee torbanneen hanga tokk odura.

Alan Futerfas abukaatoo ilma Traamp oduu NY Times haalanii jiran. White Houses himannaa Raashiyaan filannoo US jidduu seenuu mormuun falmee jira

XS
SM
MD
LG